Hospitaalonni Haarawaan Ijaarsarra jiran Gaaffii hawaasa keenyaaf deebii qabatamaa kennu - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Hospitaalonni Haarawaan Ijaarsarra jiran Gaaffii hawaasa keenyaaf deebii qabatamaa kennu - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sadaasa 12/2018(TOI )- Hospitaalonni haaraan sadii Magaalaa Finfinneetti ijaarsarra jiran gaaffii hawaasa keenyaaf deebii qabatamaa kennuurra darbee tajaajila yaalaa ammayaa’aa kennaniin giddu gala gahumsaa ta’anii kan tajaajilan ta’u jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech har’a ganama hojiiwwan gaaffii hawaasaf deebiikennaan keessaa tokko kan ta’e adeemsa Ijaarsa Hospitaala walii galaa haraa sadii sadarkaa irra jiru qoranneerra jedhaniiru.
Hospitaalonni kunneen hospitaalota qabnurra fooya’aa, tajaajila caalu kan kennan ta’uun ijaaramaa kan jiran yoota’u, ijaarsisaanii sadarkaa xumuramuurrati akka argamu ibsaniru.
Hospitaalonni kunneen kutaalee magaalaa Aqaaqqii Qaallittii, Nifaas Silki Laaftooo fi Kolfee Qaraaniyotti kan argamanidha jedhaniiru.
Hospitalonni kunneen bakka ammaan dura hospitaalonni hin jirretti ijaaramuunsaa dhaqqabamummaa haqa qabeesa Wal’aansaa babal’isuu dabalatee wal’aanamtoota guutuu Itiyoophiyaarratti dhufaniif tajaajila kan kennu ta’a.
Walii gala siree ciisichaa kuma 1 fi 500 kan qabaatan yoo ta’u, yeroo ammaa ijaarsisaanii xumuramaa jira, xiyyeeffannoon keenya fuulduraa meeshaalee wal’aansaa ammayaa galchuudha jedhaniiru.
Hospitaalonni haarawaan kun gaaffii hawasa keenyaa qabatamaaatti deebisuun olitti tajaajila wal’aansaa ammayaa’aa kennaniin, giddugala gahumsa ta’anii kan tajaajilan yoo ta’u, magaala kenya gidduugala Tuurizimii Fayyaa gochuuf galma qabame milkeessuuf humna dabalataa kan uuman ta’u jedhaniiru.
Bulchiinsichi ijaarsa hospitaalotaa dabalatee Minilikitti, Raas Dastaa fi hospitaala Zawudituutti, hojiin ijaarsa babal’isuu hanga hospitaala haaraa ijaaruutti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Isaan keessaa babal’isuun hospitaala zawudituu xumuramee hojii eegaluu fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin ibsaniiru.