Bakkeewwan hawwata turiizimii misoomsuun bakka gahumsa Turistootaa gochuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bakkeewwan hawwata turiizimii misoomsuun bakka gahumsa Turistootaa gochuuf hojjetamaa jira
Sadaasa 12/2018(TOI )-Bakkeewwan hawata turizimii nam-tolchee fi uumamaa Godina Yemitti argaman misoomsuun damee Tuurizimii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu qajeelchi Komunikeeshinii Mootummaa Godinichaa beeksiseera.
Itiyoophiyaatti waggoottan darban bakkeewwan gahumsa hawwata Turiizimii misoomsuun damee Tuurizimii dadammaqsuuuf hojii bal’aan hojjetameera.
Biyyittiitti ijaarsi pirojektii Turiizimii gurguddoon eegalamuu akkasumas kan eegalaaman xumuramuun biyyittiin kuufama dilbii qabdu baasuun fayyadamuuf kan dandeessisudha.
Guyyaa sabaa, sab-lammootaa fi ummattootaa 20ffaa sababeeffachuun ogeeyyii miidiyaa kutaa biyyittii adda addaarraa dhufan dhakaa zoofkaar dhabbate, masaraa Angarii , Fincaa’aa Birbirsaa fi Gaara Boor Godina Yemitti argamu daawwataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira komunikeeshini mootummaa Godina Yem Masfin Moggaa Godinichatti hambaalee uumamaa fi nam-tolchee hedduun akka jiran eeruun, bakkeewwan hawata turizimii bal’inaan beeksisuun lakkoofsi daawwattootaa akka dabalu taasisuu danda’uu ibsaniiru.
Qabeenya Bakkeewwan hawwata tuurizimii kanneen misoomsuun damee tuurizimii dadammaqsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniru.
Misoomni damee Turiizimii qabeenyaa guddaa fi hoj-maata qindaa’aa hundaa kan barbaadu ta’uu kaasaniiru.