Piriimerliigii Dubartootaatiin kutaan magaalaa Lidataa magaalaa Hawaasaa waliin, Magaalaan Finfinnee magaalaa Arbaaminchi waliin ni taphatu - ENA Afaan Oromoo
Piriimerliigii Dubartootaatiin kutaan magaalaa Lidataa magaalaa Hawaasaa waliin, Magaalaan Finfinnee magaalaa Arbaaminchi waliin ni taphatu
Sadaasa 12/2018(TOI)-Piriimer lLiigii dubartootaa torban 7ffaan taphoonni xumuraa lama har’a nigaggeeffamu.
Har’a ganama sa’aatii 4 irraa eegalee kutaan magaalaa Lidataa magaalaa Hawaasaa waliin Istaadiyeemii baankii daldala Itiyoophiyaatti taphachaa jiru.
Kutaan magaalaa Lidataa taphoota liigii ja'a irratti yeroo tokko qofa injifachuun, yeroo sadii mo'amee, yeroo lama qixa ba'eera. Taphoota sana irratti goolii shan galchuun galchii 10 keessummeesseera. Garichi qabxii shaniin sadarkaa 11ffaa qabateera.
Morkataan isaa magaalaan Hawaasaa bara kana hanga ammaatti taphoota ja'a keessaa afur injifachuun, yeroo lama mo'amuun isaa ni yaadatama. Galchii 11 galchuun, galchiin 6 itti lakkaa’ameera. Magaalaan Hawaasaa qabxii galchii 12n sadarkaa arfaffaa irra jira. Taphichi gareen lamaanuu gara injifannootti ce’uuf kan isaan dandeessisudha.
Tapha biraatiin ammoo magaalaan Finfinnee magaalaa Arbaaminchi waliin waaree booda sa'aatii 7:00 irratti Istaadiyeemii Baankii Daldala Itiyoophiyaatti ni taphata.
Magaalaan Finfinnee taphoota liigii ja'a keessaa yeroo tokko injifachuun shan moo'amuun isaa ni yaadatama. Taphoota sanaan qabxii lama galchuun, galchiin 13 immoo itti lakkaahameera. Garichi qabxii sadiin sadarkaa dhumaa 14ffaa qabateera.
Magaalaan Arbaa Minchi bara kana taphoota 6 taphateen yeroo tokko qofa injifateera. Yeroo afur mo'amuun al tokko qixa ba'aniiru.
Magaalaan Arbaa Minchi qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa qabatee, sadarkaa gadi aanaa irratti argama.
Gareen lachuu injifannoo isaanii lammaffaa liigichaan galmeessisuuf ni taphatu.