Taphoota piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban toorbaffaa - ENA Afaan Oromoo
Taphoota piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban toorbaffaa
Sadaasa 12/2018 (TOI)-Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban toorbaffaa oolmaa guyyaa lammaffaatiin taphoonni afur nigaggeeffamu.
Galgala sa]aatii 12tti Qiddus Goorgis Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunivarsiitii hawaasaatti nitaphatu
Liigichaan yeroo 16 kan mo’ate Qiddus Goorgis taphoota barana amma ammaatti gaggeesse shan keessaa afur yoo mo’atu yeroo tokko mo’ateera.
Gareen kun qabxii 12’n sadarkaa lammaffaa qabateera.
Morkataansaa Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota liigichaa shan taphateen tokkoyyuu hin mo’anne. Yeroo lama mo’amee yeroo sadii wal qixa baheera.
Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii sadiin sadarkaa 17ffaa irra jira.
Bunni Itiyoophiyaa guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Madin Itiyoophiyaa waliin Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti ni taphatu.
Bunni Itiyoophiyaa taphoota liigichaa taphate shan keessaa tokko qofaa mo’ate. Yeroo sadii mo’amee yeroo tokko wal qixa baheera.
Gareen kun qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa qabateera.
Madin Itiyoophiyaan taphoota afur taphateen yeroo tokko yoo mo’atu yeroo tokko mo’ameera. Yeroo lama wal qixa baheera. Galchii lama galche lama ammoo itti galeera.
Madin taphni tokko osoo isa hafuu qabxii shaniin sadarkaa 11ffaarra jira.
Sagantaawwan biroon guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Yunivarsiitiin Walwaaloo Addigiraat magaalaa Hawaasaa, Baankiin daldala Itiyoophiyaa Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Finfinneetti nitaphatu.