Hojmaataa qindaa’aa fayyadamuun miidhaawwan Paarkiirra gahan hir’isuun danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Hojmaataa qindaa’aa fayyadamuun miidhaawwan Paarkiirra gahan hir’isuun danda’ameera
Sadaasa 12/2018(TOI)– Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Paarkii Biyyoolessaa fi bakka buufata Bineensota Bosonaa hojmaata raawwachaa jiruun Al-seerummaan hir’achuu ibsaniiru.
Abbaan Taayitichaa baajata ramadee kallattiin of-jalatti kan bulchu paarkiiwwan biyyoolessaa 11 fi bakka buufata bineensota bosonaa 2 ta’uu beeksiseera.
Paarkiiwwan biyyoolessaa naannoolee jalatti bulanis leenjii, meeshaalee fi deeggarsa kanneen kana fakkaatan akka taassisu bakka bu’aan hojii raawwachiisaa hariiroo hawaasaa fi komunikeeshinii Taammiruu Makkit TOI’f ibsaniiru.
Eegdota Paarkii biyyoolessaa fi dahannoo bineensota bosonaaleenjisuun, hidhannoo eegumsaaf ta’u dhiheesuun, humna namaa gahaa guutuun hoj-maata teekinooloojii bakka jiran ta’anii odeeffannoo dabarsuuf gargaaru akka hordofan gochuu kaasaniiru.
Jiraattonni naannoosanatti argaman kiyya jedhanii akka eeganiif hojiin hubannaa uumuu hojjetamuu eeraniiru.
Dargaggoonni gurmaa’anii akka eegan hojjetamuu eeruun, Abbaan Taayitichaa hojii hojjechaa jiru tumsa hawaasaa waliin qindoomee hojmaatni seeraan alaa akka hir’atan dandeessisuu dubbataniiru.
Daddabarsa bu’aa bineensota bosonaa yakka Idil- Addunyaa kan ta’e to’achuu ilaalchisee, buufata xiyyaara Idil- Addunyaa Booleetti saroota foolii dhahan dabalatee hojiin to’anno hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
To’annaan saroota foolii dhahaniin fayyadamuun hojjetamaa jiru bu’aa qabeessa ta’uu kaasuun, dadabarsa bu’aa bineensotaa seeraan alaa gaggeeffamu hir’ateera jedhaniiru.