Tamsaasa Kallatti:

Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha?

👉 Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee bifa weeraraan fi dhiiga dhangalaasuu mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’udha.

👉 Dhala namaa fi beeyladootaa fi lubbu qabeeyyii biroorrattis mudachuu mala

📌 Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali?

👉 Afaan, funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu

👉 Ho’ina qaamaa olaanaa, qorrisiisuu fi mataa bowwuu

 👉 Dhukkubbii maashaalee fi dugdaa

👉 Olguuruu, dhukkubbii garaa fi garaa kaasaa

👉 Laphee, dugdaa fi garaa irratti dhidhiitoo sirriitti mul’atu

👉 Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu

📌 Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba?

👉 Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan,imimmaanii fi dhangala’oo biroo waliin tuttuqqaa kallattii taasisuun

👉  Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu

👉 Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a

      #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI

Misooma Kuduraa fi muduraa naannoo Itiyoophiyaa jiduu galeessaa godina Yemitti qonna qindaa’aan misoome(Suuraan)

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015