Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim turtii Itiyoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’ani - ENA Afaan Oromoo
Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim turtii Itiyoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’ani
Sadaasa 11/2018(TOI)- Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa Itiyoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.
Ministirri Muummichaafi jilli isaanii gara biyya isaaniitti yeroo deebi’anitti, itti aanaan Ministira Muummee Itiyoophiyaa Tamasgeen Xurunaa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaa ho’aa taasisaniiruufi.
Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisaniin muummicha ministiraa Itiyoophiyaa dooktar Abiy Ahimad waliin hariiroo hunda galeessa biyyoota lameenii irratti mari’achuu himaniiru.
Biyyoonni lameen, dameewwan turizimii, tajaajila geejjibaa qilleensaa fi tajaajila fayyaa irratti waliigaltee wal ta’insaa waliif mallatteessaniiru.
Kana malees, waliigaltichi gama walta’iinsa hariiroo, Mana Maree magaalaa Kuwaaraa Laampuurii fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisaniin,Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwataniiru.
Bakka pireezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee argamanitti, Ministirri Muummee Feedereeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim, Fooramii diinagdee olaanaa Itiyoo-Maaleezhiyaa, Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffame irratti hirmaataniiru.
Hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Maaleezhiyaa gara tumsa diinagdee olaanaatti jijjiiruuf daawwannaan isaanii Itiyoophiyaa keessatti taasisan gahee murteessaa akka qabus mirkaneessaniiru.
Ministirri Muummee Federeeshinii Maaleezhiyaa, Biyya Baha Fagoo Eeshiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahim daawwannaa isaanii guyyoota lamaaf Itiyoophiyaatti taasisaa turan xumuranii gara biyya isaaniitti deebi'aniiru.