Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan tumsa walta’insa industirii raayyaa ittisaa irratti mari'atan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan tumsa walta’insa industirii raayyaa ittisaa irratti mari'atan
Sadaasa 11/2018(TOI)- Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan walta’iinsa tumsa industirii ittisaa irratti waliin hojjechuuf marii’ataniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa injiinar Aayishaa Mohaammadii fi jilli Ministira Industirii Ittisaa Azarbaajaan Vuugaar Mustafaayiin durfamu dhimmoota tumsa biyyoota lameenii irratti mari’ataniiru.
Marii isaanii irratti Ministirri Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa injiinar Aayishaa Mohaammad, Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa industirii ittisaa cimsuu irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan tumsa biyyoota lameenii cimsuuf kutannoo akka qabdu odeeffannoon miidiyaan oonlaayinii Raayyaa ittisaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf erge ni mul’isa.
Ministirri Vuugar Mustafaay gama isaaniitiin biyyi isaanii tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoon akka hojjettu mirkaneessaniiru.
Biyyi isaanii Itiyoophiyaa, michuu industirii ittisaa taasisuuf fedhii akka qabdus akeekaniiru.