Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin ulaa galaanaa dhimma jiraachuu biyyaa fi faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef Ajandaa keenya walooti- Hoggantoota Paartilee Siyaasaa

Sadaasa11/2018(TOI)– Gaaffiin ulaa galaanaa dhimma jiraachuu biyyaa fi faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef Ajandaa keenya walooti jechuun Hoggantoonni Paartilee Siyaasaa adda addaa dubbatan.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa Kan Diinagdee, Nageenya biyyoolessaa, walitti hidhaminsa misooma Riijinii fi dhimma jiraachuu biyyaati .

Gaaffichi seenaa qabeessa, seera qabeessa, teessuma lafaa mijataa fi bu’uura diinagdee kan qabu waan ta’eef deebiin akka itti kennamuuf tattaaffiin dippiloomaasii cimee itti fufa.

Dhimma kanaratti TOI hoggantoota Paartilee morkattootaa Diree Dawaa fi Naannoo hararii socho’an, Gaaffii abbummaa ulaa galaanaa gaaffii jiraachuu fi dhimma faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef ajandaa kenya walooti jedhaniiru.

Durataa’aan mana maree paartiilee siyaasaa fi qindeessaan paartii (IZEMA) Diree Dawaa fi Hararii Yohaannis Batiruu , teessuma lafaanis ta’e seenaan Itiyoophiyaan galaana diimaarra adda baatee jireenya hin qabdu jedhaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabdee yeroo turtetti gatii guiddaa kaffaluushee kan kaasan Obbo Yohaannis Baatiruu yeroo ammaa Gaaffii dhalootaa fi dhimma jiraachuu biyya ta’eedhuu ibsuun, deebii argachuun dirqama ta’uu kaasaniiru.

Dhimi Gaaffii Abbummaa ulaa galaanaa dhimma jiraachuu fi faayidaa biyyoolessaa waan ta’eef hunda kenya ilaallata jedhaniiru.


 

Itti Aanaa dura taa’aa Mana Maree waloo paartiilee siyaasaa fi qindeessaa paartii bilisummaa fi wal-qixxummaa Abdulhafiiz Ahimad, gaaffiin ulaa galaanaa dhimma jirachuu biyyaa waan ta’eef gaaffii dhalootaa deebii barbaadu dha jedhaniiru.

Gama Kanaan paartiinsaanii ejjennoo cimaa kan qabu ta’uu kaasuun, hojiirra oolmaatsaatiif akka hojjetan kaasaniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa dhimma dhalootaa kan ta’e deebii akka argatuuf hojii hunda keenyaa ta’ee itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015