Tamsaasa Kallatti:

Yeroon itti aanu tumsa Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaaf Ifadha- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Sadaasa11/2018(TOI)– Yeroon itti aanu tumsa Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaaf Ifaa fi caalaatti cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Federeeshinii Maleezyiyaa Daatoo Seerii Aniwaar Bin Ibirahiim waliin marii’ataniiru.


 

Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaan obbolummaa seenaa qabeessaa fi biyyoota tumsa qaban ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii walitti hidhaminsa dippiloomaasii fi sochii biyya ofdanda’aa (NAM) fi tumsa Kibba kibbaan kutannoo waliin qaban irratti kan hundaa’e ta’uu dubbataniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Maleezyiyaa yeroo daawwatan Ministirri Muummee federeeshinii Maleezyiyaa Daatoo Seerii Aniwaar Bin Ibirahiim simannaa taassisaniif galateeffatanii, hoggantoonni lameen tumsa biyyoota gam-lameerratti marii ifa ta’e taasisuusaanii hubachiisaniiru.


 

Daawwannichi obbolummaa fi tumsa biyyoota lamaaniif daandii haaraa kan bane ta’uu ibsuun mariin Finfinneetti taassifames hariiroo gam-lameee fi tumsa agama hedduu kallaatiiwwan adda addaan jiru cimsuuf carraa uumuu kaasaniiru.

Ministirri muummee marii gam lameen biyyoonni hariiroosaanii dameelee hedduuun cimsuu danda’an irratti marii’achuu ibsaniiru.

Tumsa Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaa Yeroon dhufu Ifa akka ta’u amantii guutun qaba jedhaniiru.


 

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministira Muummee federeeshinii Maleezyiyaa Daatoo Seerii Aniwaar Bin Ibirahiimiin baga gara Itiyoophiyaa nagaan dhuftan kan jedhan yoo ta’u turtiisaanii hafe bu’aa qabeessa akka ta’u hawwaniiruuf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015