Carraa hojii argatanitti gammaduu dargaggoon waldaan gurmaa’an ibsan - ENA Afaan Oromoo
Carraa hojii argatanitti gammaduu dargaggoon waldaan gurmaa’an ibsan
Sadaasa11/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu wallaggaatti hojii dhabeeyyiin waldaan gurmaa’uun hojii adda addaarratti bobba’an carraa hojii uumameeti gammaduusaanii ibsa.
Godina horroo guduruu wallagaa Aanaa Abaaboo Guduruutti hojii dhabeeyyiin waldaan gurma’uun furdisa loonii , misooma sa’a aannanii fi booyyeerratti bobba’anii hojechaa jiru.
Haala mijataa mootummaan nuuf uumetti gargaaramuun waldaan gurmoofnee hojjechuun Dinagdee keenya fooyyeffachaa jirra jechuun dargaggoonni carraan hojii uumameefii ibsaniiru.
Carraa hojii uumameen marsaa jalqabaan qotiilee fi booyyee furdisan gabaaf dhiheessuun bu’aa argachuu ibsuun , caalaatti cimaniif hojjechuuf abdii argachuusaanii ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu Godina Horroo Guduruu Wallagaa Obbo Amdihuun Nuuruu godinichatti dargagoota hojii dhabeeyyii gurmii fi qacarriin kuma 96’f carraa hojii uumuuf karoorsanii hojii eegaluu ibsaniiru.
Karoora qabame keesaa hanga ammaatti dargaoota kuma 18 oliif carraan hojii adda addaa uumamuun hojiitti galuusaanii dubbataniiru.
Carraan hojii carraaqqiin waan dhufuuf dargaggoonni of amansiisanii ogummaasaaniin yoo hojjetan fayyadamoo ta’u jedhaniiru.
Bulchaan Godina Horro Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixee Inisheetivota dinagdee dargaggootaa cimsuu danda’an bocamanii hojiirra oolaa jiraniin Godinichatti dargaggootni fayyadamaa ta’uu ibsaniiru.
Godinichatti dargaggoonni hojii furisa loniiratti bobba’anii jiraachuu eeruun carran hojii uumame Dinagdee nama dhuunfaa dabaluurra darbee qaala’insa jireenyaa tasgabbeesuun wanta dhala namaaf barbaachisu naannootti argachuu dandeessisa jedhaniiru.
Godinichatti jalqabbiin hojii jiru gaarii ta’uu eeruun poteenshaala jirutti fayyadamuun kanaa ol hojjetamuu akka danda’amu dubbataniiru.