Tamsaasa Kallatti:

Hariiroon Maaleezhiyaa fi Itiyoophiyaa agarsiiftuu milkaa’iana tumsa bu'a qabeessa Afrikaa fi Maaleeziyaati-Ministira Muummee federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim

Sadaasa 11/2018(TOI)-Hariiroon Maaleezhiyaa fi Itiyoophiyaa agarsiiftuu milkaa’iana tumsa bu'a qabeessa Afrikaa fi Maaleeziyaa ta’uu himan Ministirri Muummee federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar biin Ibraahiim.

Ministirri muummee Itiyoophiyaa doktar Abiy Ahimad gita isaanii Ministira muummee federeeshinii Maaleezhiyaa waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim hariiroon Itiyoophiyaa fi Maalezhiyaa cimaa dhufeera jedhan.

Ummanni Maaleezhiyaa seenaa Itiyoophiyaa akka hubatan ibsuun, kunis hariiroo biyyoota lameenii cimsuu keessatti gahee olaanaa akka bahatu ibsaniiru.


 

Biyyoonni lameen miseensa ‘BRICS’ta’uu eeruun, tattaaffii Itiyoophiyaan, Maaleezhiyaan akka miseensa ‘BRICS’ taatu gooteef galateeffataniiru muummeen ministiraa federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim.

Fooramiin diinagdee magaalaa Finfinneetti adeemsifame, cimina hariiroo biyyoota lameeniif gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Maaleezhiyaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu karaa daldalaa, invastimantiin, barnootaan, aadaa fi saayinsiidhaan dabalatee dameelee adda addaan tumsa ishee cimsuuf kutannoo qabaachuu himaniiru.


 

Gama biraan, Maaleezhiyaan miseensa kan taate waldaa biyyoota kibba baha Eshiyaa Itiyoophiyaa dabalatee gabaa Afrikaatti dhaqqabamummaashee guddisuuf hawwii akka qabdu ibsaniiru Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim.

Teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Itiyoophiyaan, karra biyyoota Afrikaa ta’uu ibsuun, Maaleezhiyaan tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf carraa gaarii akka uumuufii ibsaniiru.

Hariiroon Maaleezhiyaa fi Itiyoophiyaa agarsiiftuu milkaa’iana tumsa bu'a qabeessa Afrikaa fi Maaleeziyaa ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015