Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksise - ENA Afaan Oromoo
Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksise
Sadaasa11/2018- Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksiseera.
Baankichi baatii 2ffaa Nageenya Saayibarii yeroo kabajutti, Pirezidaantiin itti aanaa Tajaajila Korporeetii Baankichaa obbo Efreem Makuriyaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan misooma dijitaalaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennaa jirti.
Kanumaan wal qabatee, boqonnaa jalqabaa tarsiimoo Dijitaalaayizeeshiniin gaggeeffamu (2020-2025) milkaa'inaan xumuruun gara boqonnaa Tarsiimoo Dijitaalaayizeeshinii 2ffaa (2025-2030)tti ce’uu ibsaniiru.
Bittaa fi gurgurtaa waliigalaa baankichaa keessaa %90 gama dijitaalaan taasifamuu eeruun, kanas caalaatti guddisuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru.
Kutaaleen nageenya saayibarii Tarsiimoo Nageenyaa hubannoo namtolcheen (AI)n deeggaramu hojiirra oola jedhaniiru.
Aggaammii Saayibarii ittisuuf tumsi akka barbaachisu dhaamaniiru.
Haleellaa saayibarii ittisuun hojii qaama tokkoo qofa akka hin taane eeruun, qaamotni dhimmi ilaallatu tumsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.