Tamsaasa Kallatti:

Dursaan Liigichaa Bunni Sidaamaa  Maqalee sabaa Indartaa  waliin ni taphata

Sadaasa11/2018(TOI)–Taphni piriimar liigii sababa waancaa Itiyoophiyaatiin addaan citee ture  har’a sagantaa torban 6ffaan ni deebi’a.

Yeroo ammaa Bunni Sidaamaa Maqalee sabaa Indertaa waliin Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti tapachaa jiru.

Bunni Sidaamaa  Liigichatti  taphoota shan gaggeesseen  yeroo Afur yoo injifatu  yeroo tokko  mo’ameera.

Taphichaan galchii  9  yoo lakkoofsisu  galchii sadii  keessummeesseera.

Garichi qabxii 12 liigicha dursee  argameera.

Morkataansaa maqaleesabandertaa liigichatti hanga ammaatti   taphoota tokkoyyuu  mo’achuu  hin dandeenye.

Yeroo sadii yoo  injifatu   yeroo lama wal-qixa addaan baheera. 

Galchii  ja’aa  yoo lakkoofsisu  galchii 10n  keessummeesseera.

Maqalee sabandertaan qabxii lamaan  sadarkaa 18ffaa  qabatee  sadarkaa gad-bu’aarratti argama.

Sagantaa   biroon Negellee Arsiin  Magaalaa Adaamaa  waliin guyyaa sa’aatii 10:00 Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti  taphatu.

Liigichatti Guddattuu haaraan nagallee Arsii  taphoota shan gaggeesseen yeroo  lama yoo  Injifatamu  yeroo sadii qabxii qooddateera.

Garichi taphichaan galchii lama yoo lakkoofsisu  galchii  4  keessummeesseera.

Negellee Arsii taphoota shan keessaa  qabxii sadii argachuun  sadarkaa 15ffaa qabateera.

Morkataansaa Magaalan Adaamaa   gamasaan  bara dorgommichaatti   taphoota shan  gaggeesse keessaa 2 yoo injifatu  yeroo 3 qixaan adda deebi’eera.

Galchii lama yoo lakkoofsisu galchii tokkoyyuu  hin keessummeessine.

Garichi qabxii 9  sadarkaa  7ffaarra taa’eera. 

Sagantaa piriimer liigii Itiyoophiyaa torban 6ffaan  hanga  sadaasa 13 bara 2018 ni tura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015