Tamsaasa Kallatti:

Dursaan liigichaa Itiyoo Elektirikiin Magaalaa Shaggar waliin ni taphata

Sadaas 11/2018(TOI)- Piriimiyerliigii Dubartoota Itiyoophiyaa torbee torbaffaa guyyaa lammaffaa taphoonni sadii Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti ni taphatamu.

Guyyaa har’aa sa’aatii 9:00tti Magaalaan Shaggar Itiyoo-Etektirika waliin istaadiyeemiiAbbabaa Biqilaatti taphata.

Magaalaan Shaggar taphoota shan taphatee,yeroo afur injifachuun, yeroo tokko immoo injifatameera. Taphoota taphate keessattis galchii sagal yoo lakkoofsisu,afur immoo keessumeesseera.

Magaalaan Shaggar qabxii 12n, sadarkaa shanaffaa qabateera.

Morkataan isaa Itiyoo-Elektirikiin gama isaatiin,taphoota liigii adeemsiseen taphoota jaha mo’ateera. Galchii 16 galchuu danda’uun,galchii 3 immoo itti lakkaahameera.

Bunni Yirgaa Caffee magaalaa Baahirdaar waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7:00tti ni taphata.

Magaalaan Baahir Daariifi Bunni Yirgaacaffee qabxii afuriin walqixa ta’uun, garaagarummaa gooliitiin sadarkaa 11 ffaa fi 12ffaa irra jiru.
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015