Tamsaasa Kallatti:

Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira

Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru.

Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani.

Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru.

Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru.

Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru.

Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha.

Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha.

Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015