Tamsaasa Kallatti:

Hariiroon Dippilomaasii Itiyoo-Saa’udii fayyadama waloorratti kan bu’uureffamee fi bu’aalee qabatamaan kan dabaalamedha

Sadaasa 11/2018(TOI)-Hariiroon Dippilomaasii Itiyoo-Saa’udii fayyadama waloorratti kan bu’uureffamee fi bu’aalee qabatamaan kan dabaalame ta’uu Saa’udii Arabiyaatti ergamaan addaa fi ambaasaaddarri abbaa aangoo guutuu Itiyoophiyaa Dr. Muktaar Kadir ibsan.

Ambaasaaddar Dr. Muktaar Kadir turtii TOI waliin taasisaniin, Itiyoophiyaa fi Saa’udii Arabiyaan walitti hidhamiinsa aadaa, amantaa fi ummattoota biyyoota lamaanii barootaaf ture akka qaban ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii walakkeessa jaarraa 19ffaa bifa qabaachuu yaadachiisanii, hariiroo dippilomaasii hunda galeessa amma jiruuf bu’ura akka ta’es dubbataniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii daldala, Invastimantii fi walitti dhufeenya hawaasummaan guddachaa akka dhufe ibsaniiru.

Keessumaa jijjiiramaan asitti tumsi gama hundaa biyyoota lamaanii gara hariiroo tarsiimawaa olaanaatti guddachuusaa eeranii, haala Kanaan dureeyyiin Saa’udii hedduun dameewwan invastimantii garagaraa irratti invast gochuusaanii beeksisaniiru.

Itiyoophiyaan oomishaalee qonnaa hedduu Saa’udiitti akka ergitu dubbatanii, waljijjiiraa biyyoota lamaanii kan waggaa baay’ee guddachuusaa ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii fayyadama waloorratti kan bu’uureffatee fi bu’aalee qabatamaan kan dabaalame ta’uu dubbataniiru ambaasaaddarichi.

Hojii biyya alaa karaa seera qabeessatiin Itiyoophiyaanonni hedduun biyyattiitti dameelee hojii garagaraa irratti akka hojjetan godhamuus dabalanii ibsaniiru.

Bar-dheengaddaa qofa lammiileen Itiyoophiyaa kuma 200 karaa seera qabeessaan biyyattii dhaquusaanii yaadachiisanii, barana lammiilee kuma 360 Saa’udiitti erguuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Fuulduras walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii cimsuuf hojiin hojjetamu akka itti fufu ambaasaaddar Dr. Muktaar Kadir mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015