Tamsaasa Kallatti:

Wabii nyaataa mirkaneessuuf, qorannoon deegaramuun gosoota sanyii fooyya’an misoomsuun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamaniiru

Sadaasa 11/2018(TOI)-Wabii nyaataa mirkaneessuuf, qorannoon deegaramuun gosoota sanyii fooyya’an misoomsuun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu Inistitiyuutiin  Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaa ibse.

Daariktarri olaanaa inistitiyuutichaa piroofeesar Nugusee Dachaasaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniin, inistitiyuutiin qorannoo qonna Itiyoophiyaa oomishaafi oomishtummaa dabaluuf hojiiwwan qorannoo milkaa’oo ta’an hojjecha jira jedhan.

Itiyoophiyaan dilbii uumamaa fi qabeenya namaa qabdutti fayyadamuun, wabii nyaataa ishee mirkaneessuuf hojiin hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Oomisha gaarii argachuuf sanyii midhaan fooyya’aa fi qonna teekinooloojiin deeggarame hojiirra oolchuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Qorannoo sanyii midhaan nyaataa irratti taasifameen oomishni callaa xaafii dachaan dabaluu eeruun, oomisha qamadiin lafa heektaara 1 irraa kuntaala 12 kan argamaa ture, wayita ammaa gara kuntaala 36tti guddachuu himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun kanaan dura lafa heektaara 1 irraa boqqolloo kuntaala 20 kan argamaa ture, wayita ammaa kuntaala 45 argachuun akka danda’ame ibsaniiru.

 Akkasumas kanaan dura lafa heektaara 1 irraa bunni kuntaala 8 kan argamaa ture, wayita amma erga qorannoon sanyii fooyya’aa taasifamee asitti kuntaala 28 argachuun danda’ameera jedhan piroofeesar Nuguseen.

Hojii Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf taasisaa jirtu biyyoota biroof akka muuxannootti kan oolu ta’uu eeruun, inistitiyuutiin qorannoo qonnaa Itiyoophiyaa sanyii fooyya’aa qorachuun hojiin inni hojjechaa jiru milkaa’ina biyyi keenya wabii nyaataan of danda’uuf taasisaa jirtu keessatti shoora olaanaa bahachaa jirachuu himaniiru.

Gara fuula duraattis oomishaa fi oomishtummaan akka dabaluuf, hojiin qorannoo fi qo’annoo sanyii fooyya’aa cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

 Daariktarri olaanaa kun itti dabaluun, wayita ammaatti qorannoon sanyii xaafii fooyya’aa kennuu danda’u baasuuf dandeessisu yaaliirra akka jiru dubbataniiru.

Bu'aan qorannoo kanaas ooyiruu qonnaan bultootaa irratti yaaliif kan gaggeefamu ta'uu fi gara fuulduraattis babal'achuu akka danda'u eeraniiru.

Argannoon kun oomishtummaa xaafii dachaa lamaan akka dabalu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015