Tamsaasa Kallatti:

Nageenya ijaa eeguu …

 

Namoonni hedduun Itiyoophiyaatti dhukkubbii ijaaf akka saaxilaman Ipeeshaalistiin olaanaa ijaa Dr. Yohaannis Abrihaam, tooftaawwan ittisaa sirnaan fayyadamauu akka qaban gorsu.

Bu’uuruma Kanaan-

- Manatsarii /kishaafee/ Aduu fi calaqqee iskiriinii kan hir’isu fayyadamuu

- Nyaata Madaalamaa (kuduraa, killee, muduraa, talbaa, birookoolii fi kkf soorachuu )

- Qulqullina sirnaan fayyadamuu

- Yeroo fayyadama iskiriinii daangessuu

- Qorannoo ijaa waggaa waggaan taassisuu (keessumaa ijoollee fi namoota umrii wagga 40 ol ta’aniif ) ijarratti dhukkubbiin akka hin uumamne tooftaa ittisaa ta’uu hubachiisaniiru.

- Tooftaawwan ittisaa darbee rakkoon ijaa yoo mudatu hospitaalota adda addaa biyya keessaatti wal’aansi akka kennamu ibsuun yeroon ogeessa mariisisuun sirrii ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015