Tamsaasa Kallatti:

Piriimer Liigii Dubartootaan magaalaan Dirree Dawaa Buna Sidaamaa mo’ate

Sadaasa 10/2018 (TOI)- Sagantaa torbee toorbaffa Piriimer Liigii Dubartootaan Itiyoophiyaatiin magaalaan Dirree Dawaa 1 fi 0’n Buna Sidaamaa mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen galchii mo’annaa kana Sarkaaddis Guutaa daqiiqaa 15ffaarratti galchiteetti.

Magaalaan Dirree Dawaa liigichaan injifannoo lammaffaa galmeessuun qabxii jahaan sadarkaasaa 13ffaarraa gara saglaffaatti guddifachuun sadarkaa gadi bu’aa keessaa baheera.

Gama biraan bara dorgommichaan yeroo sadiif kan mo’ame Bunni Sidaamaa taphni isa hafu osoo jiruu qabxii sagaliin sadarkaa jahaffaarra jira.

Tapha turban toorbaffaa kan jalqabaa har’a gaggeeffameen kutaan magaalaa Boolee 1 fi 0’n Machaaliin mo’ateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015