Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan qabeenya dilbii qabdutti fayyadamuun, daandii guddina dinagdee ariifataa irra jirti

Sadaasa 10/2018(TOI)-Itiyoophiyaan waggoottan 6 kessatti qabeenya dilbii qabdutti fayyadamuun, daandii guddina dinagdee ariifataa irra jirti jechuun ibsan ministirri muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim.

Fooramiin dinagdee olaanaa Itiyoophiyaa fi Maleeyhiyaa magaalaa Finfinneetti banameera.

 Fooramichi Giddu gala konveenshinii Addis intarnashinaaliitti gaggeefamaa kan jiru yoo ta’u, fooramicha irrattis pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee,ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee, De’eetaan ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa ambaassaaddar Biraanuu Tsaggaayee, hojii raawwachiisaa olaanaan invastimanti hooldiingii doktar Biruuk Taayyee, komishinarri komishinii invastimantii doktar Zallaqaa Tamasgeen dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi abbootiin qabeenyaa agragamaniiru.

Itiyoophiyaan biyya Afrikaa fi addunyaarraa biyya guddoo ta’uu eeraniiru ministirri muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim.

Nabiyyuu Mohaammad musliimota godaantota jalqabaa gara Itiyoophiyaatti ergan, hordoftoonni amantaa kirstaanaa mootiin Itiyoophiyaa yeroo sanaa kabajaan akka isaan simatan yaadachiisaniiru.

Kunis biyyoonni lameen hariiroo obbolummaa kan qaban ta’uu kan ibsuu fi hariiroo seena qabeessa ta’uu ragaadha jedhan.

Hariiroo Itiyoo-Maleezyiyaa cimsuun akka barbaachisus himaniiru.

Ce’umsi dijitaalawaa, adeemsi ragaa qabachuu fi hubannoon namtolchee dhimmoota dinagdee saffisiisan ta’uu eeruun xiyyeeffannoon kennamuufii qaba jedhaniiru.

Tasgabbiin nageenya  siyaasaa Maleezyiyaa, Maastar Pilaanii Industirii irraa kaasee hanga Ce’umsa annisaa, Roadmappii hanga tarsiimoo jijjiirama dijitaalaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, gama al-ergiitiin biyya cimtuu akka taatu ibsaniiru.

Hirmaannaan jila hawaasa daldalaa Maleezyiyaa, hariiroo dippilomaasii diinagdee keenya cimsuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Akkasumas tumsa biyyoota lameenii akka carraa guddaatti fayyadamuun, waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Simanna ho’aa magaalaa Finfinnee buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti isaaniif taasifames Itiyoophiyaan aadaa boonsaa qabaachuu fi keessummaa simachuuf qabdu galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015