Riijiniin Daldala Bilisaa Dorgommii Al-ergitootaa cimsa - ENA Afaan Oromoo
Riijiniin Daldala Bilisaa Dorgommii Al-ergitootaa cimsa
Sadaasa10/2018(TOI)– Daldalli Ardii bilisaa riijinii bakka gahumsa gabaa midhaan dheedhii fi zayitaa bal’isuun dorgommii Al-ergitootaa cimsuuf dandeessisa jechuun pirezidaantiin waldaa Al-ergitoota midhaan dheedhii fi Zayitaa Itiyoophiyaa Obbo Ida’oo Abdii ibsan.
Itiyoophiyaan hojiirra oolmaa walii galtee daldala bilisaa Ardii Afriikaa Fulbaana 29 bara 2018 omisha ishee gara biyyoota Afriikaa adda addaatti erguun ifatti eegaluun ni yaadatama.
Itiyoophiyaan foon, kuduraa fi muduraa, buna, omisha midhaan dheedhii fi midhaan zayitaa kaargoo daandii qilleensa Itiyoophiyaan, Geejiba lafarraan Keeniyaa, Somaaliyaa fi Afriikaa kibbaatti erguu eegalteetti.
pirezidaantiin waldaa Al-ergitoota midhaan dheedhii fi Zayitaa Itiyoophiyaa Obbo Ida’oo Abdii daldalli ardii bilisaa Afriikaa faayidaa damichaaf qabu ilaalchisuun TOI waliin turtii taassisaniiru
Daldalli bilisaa Ardii Afrikaatti guddina daldalaa bal’aa akka uumu ibsuun, carraan kun keessumaa omishtoota midhaan dheedhii fi zayitaa omishasaanii filannoo foyya’aan gabaaf akka dhiheessa n gabaa haaraa fi bal’aa akka uumeef dubbataniiru.
Walii galtichi biyyoota Afriikaa gidduutti qaraxa daldalaa kaa’amani fi taarifa suuta suuta hanbisuun midhaan dheedhii fi zayitaa daldala Al-ergiif dhihatan gabaa Afriikaan dorgomaa akka ta’an dandessisa jedhaiiru.
Al-ergaan midhaan dheedhii fi zayitaa Obbo Daanyaachoo Asaffaa gamasaanii, walii galtichi bakkeewwan gahinsa gabaa haaraa babal’isuunii fi dorgommii dabaluun hangaa fi galii daldala AL-ergii Midhaan dheedhii fi Zayitaa guddisa jedhaniiru.
Walii galtichi hojiirra ooluun daddabarsa daldala Afriikaa kan jijjiirudha kan jedhan immoo bakka bu’aa biyyoolessaa waldaa sanyii saliixii Naayijeeriyaa Iyyaasuu Yisihaaqidha.