Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuuf haalli mijataan jira - Pirezidaanti Taayyee Asqasillaasee

Sadaasa 10/2018(TOI)-Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuuf haalli mijataan jiraachuu Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee ibsan.

Fooramiin Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaa magaalaa Finfinneetti jalqabameera.

Fooramichi Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti kan gaggeeffame yoo ta’u, fooramii  kanarratti Ministirri Muummee Maleeyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim, Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee fi qondaaltonni mootummaa olaanoo biroo, akkasumas abbootiin qabeenyaa argamaniiru.

Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen akka jedhanitti, daawwannaan Ministira Muummee Maleezhiyaa, hariiroo daldalaa cimsuu fi hariiroo ummataa biyyoota lameenii guddisuuf kutannoo qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Daawwannaan Ministira Muummee Maleezyiyaa kuni hariiroo Itiyoophiyaa fi Maleezyiyaa kan cimsu, duudhaalee waliin misoomuu kan tumsu carraa addaa ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon dippilomaasii biyyoota lameenii gidduu jiru kan eegale akka lakkoofsa warra faranjootaatti bara 1965 ta’uu eeruun pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen, hariiroon kunis daldalaa fi invastimantii cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan haaromsa diinagdee biyya keessaatiin sirna invastimantii teeknooloojii dijitaalaatiin deeggaramu hundeessuu ishee ibsaniiru.

Damee qonnaanis wabii nyaataa mirkaneessuuf misooma sirriirra akka jirtu pirezidaanti Taayyeen ibsaniiru.

Kanaafuu biyyoonni lameen qonnaan, horsiisa beeyladaan, albuudaa fi misoomawwan murteessoo ta’an biroo irratti waliin hojjechuun daldalaa fi invastimantii cimsuu barbaachisa jedhaniiru.

Dhaabbileen Maleezyiyaa carraa daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti fayyadamuudhaan misooma badhaadhinaa fi fayyadamummaa waliinii umuu irratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Maleezyiyaan hariiroo dippilomaasii irra darbee walta’iinsa daldalaa fi invastimantii babal’isuuf tattaaffii isheen taasisaa jirtu kan ajaa’ibsiifatamu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Maleezyiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim tumsa hunda galeessa cimsuuf kutannoo agarsiisaniif galata guddaa dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015