Tamsaasa Kallatti:

Godina Gujiitti sadarkaan Manneen Barnootaa Idilee 184 fooya’eera

Sadaasa 10/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sadarkaan Manneen Barnootaa 184 fooyyessuun hojii baruu fi barsiisuu bu’aa qabeessa gochuun danda’amuu Waajjirri Barnootaa Godinichaa beeksise.

Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godinichaa Obbo Saatanaa Roobee waggootan darban Manneen barnootaa hedduun Godinicha keessa jiran sadarkaa gadi ta’uunsaanii hojii baruu fi barsiisuuf gufuu ta’ee akka ture yaadataniiru.


 

Rakkicha hirmaannaa hawasaan furuun sadarkaa manneen barnootaa guddisuuf tattaaffii qindaa’aa taassifameen Sadarkaa Manneen Barnootaa 184 fooyyessuun danda’amuu dubbataniiru.

Sadarkaa manneen barnootaa foyyeessuuf tattaaffii taasifamuun hawaasni deeggarsa humnaa, akaakuu fi maallaqaa birrii miiliyoona 29 fi kuma 859tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru.

Kanaanis kutaan barnootaa idileen duraa 591 hojjetamuusaanii dubbataniiru.

Manneen barnootaa hedduun Bishaan, ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa biroon akka guutaman taasifamuu kan eeran hogganaan kun, teessoo fi minjaala dabalatee Meeshaalee deeggarsa Barnootaa biroon guutamanii hojiin baruu fi barsiisuu haala guutuu ta’een raawwatamaa jira jedhaniiru.

Jiraataa Magaalaa Adoolaa Barsiisaa Dirribaa Hundeessaa, sadarkaa manneen Barnootaa fooyyessuun fedhii barnootaa dabaluuf qooda mataasaa qaba jedhaniiru.


 

Tola ooltotaa fi hawaasa hirmaachisuun miidhaginni mooraa keessaa hojjetame hojii baruu fi barsiisuu cimsuun qulqullina barnootaa guddisuuf gargaaruusa kaasaniiru.

Sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuun Qulqullina Barnootaa eegsisuuf tattaaffii taasifamuuf murteessaa ta’uu kan dubbatan immoo Barsiiftuu Tsahaayi Guutaati.


 

Ijaarsa daree barnootaarratti barsiisonni hawaasaa fi tola ooltota waliin ta’uun humnaa fi maallaqaan deeggarsa taassisuun hirmaachuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015