Imala Itiyoophiyaan gara Badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuu keessatti magaalonni shoora olaanaa qabu-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Imala Itiyoophiyaan gara Badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuu keessatti magaalonni shoora olaanaa qabu-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Sadaasa 10/2018(TOI)- Imala Itiyoophiyaan gara Badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuu keessatti magaalonni shoora olaanaa qabaachuu itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Fooramiin magaalotaa 10ffaan naannoo Affaar magaalaa Samaraa-Loogiyaatti gaggeeffamaa ture har’a goolabameera.
Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, ergaa fuula miidiyaa hawaasumaa isaaniiniin dabarsaniin, Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa imala Itiyoophiyaan gara Badhaadhinaatti taasiftu saffisiisuun misoomaa fi abdii guddina egeree Itiyoophiyaa ifatti kan mul’ise ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu, magaalota keenya bu’uura qaroomina Itiyoophiyaa ta’an akka mallattoo fi wiirtuu badhaadhinaatti akka ilaalu dubbataniiru.
Magaalonni akka wiirtuu badhaadhinaatti industiriiwwan hedduuf ka’umsa akka ta’an ibsuun, agarsiiftuun badhaadhinaa isaaniis imala misoomaa bal’aa biyya keenyaa fi hojii ammayyeessuun gara baadiyyaatti babal’isuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru.
Sochiin imala badhaadhina magaalota mijeessuuf taasifamaa jiru, magaalaa guddoo Finfinneetti eegalame amma magaalota baadiyyaa xixiqqaa dhaqqabaa akka jiru hubachiisaniiru.
Kaayyoon koriidara baadiyyaa inni ijoon, baadiyyaa bulchiinsaan fi bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojjetaamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gara fuula duraatti, filmaatawwan adda addaatiin hanqina mana jireenyaa magaalota keessatti mul’atu hir’isuuf hojiileen garagaraa ni hojjetamu; qulqullina naannoo fi misooma magariisaa aadaa ummataa taasisuu; amantaa, aadaa fi seenaa keenya gara qabeenya turizimiitti jijjiiruu, dargaggoota beekumsaa fi ogummaan gahoomsuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu eeraniiru.
Milkaa’ina Fooramichaaf qaamolee gumaacha taasisan, keessattuu Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa, ummataa fi bulchiinsa naannoo Affaarii fi Ummata magaalaa Samaraa-Loogiyaaf galata guddaan qaba jechuun itti aanaan ministira muummee ergaa isaaniin ibsaniiru.
Ummataa fi bulchiinsa Naannoo Affaarii fi Magaalaa Samaaraa-Loogiyaa ammas irra deebiin galateeffachuun barbaada jedhaniiru.