Fooramiin magaalotaa obbolummaa sab-daneessummaa haala cimsuun gaggffamee milkaa’inan xumurameera - ENA Afaan Oromoo
Fooramiin magaalotaa obbolummaa sab-daneessummaa haala cimsuun gaggffamee milkaa’inan xumurameera
Sadaasa 10/2018(TOI)–Fooramiin magaalotaa 10ffaan haala tokkummaa Obbolumma cimsuun gaggeeffamee milka’inaan xumuramuu Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Affar ibse.
Itti gaafatamaan Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Affar Mahaammad Alii fooramiin magaalotaa 10ffaan xumuramuu ilaalchisee Miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Ibsasaaniin, Naannoon Affaar keessummaa simachuusaa qabatamaan kan agarsiise ta’uu ibsuun, keessummoota foramichaaf dhufan haala gaariin keessummeessuusaanii himaniiru.
Fooramichaan maaalonni naannoolee biyyattii adda addaarra dhufan hojiisaanii argisiisuusaanii ibsanii, muuxannoosaanii bal’inaan qooduu danda’uu isaanii beeksisaniiru.
Fooramiin Kun haala obbolummaa biyyolessaa cimsuun gaggeefamee milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.
Naannichatti hojiiwwan bu’uuraalee Misoomaa fi koriidaraa hojjetaman dabalatee hojiiwwan misoomaa hedduun hoggantoota mootummaa olaanoon daawwatamuusaa kaasaniiru.
Jijjiirama biyyoolessaa booda naannichi haala adda ta’een guddachaa dhufuu eeruun, guddinnii fi badhaadhinni akka milkaa’uuf waloon hojjetama jedhaniiru.