Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti tamsa’ina bookee busaa to’achuuf hojiiwwan hojjetaman cimanii itti fufa

Sadaasa 10/2018(TOI)–Naannoo Oromiyaatti tamsa’ina bookee busaa ittisuu fi to’achuuf hojiiwwan hojjetaman cimanii itti fufuusaanii Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise.

Itti aanaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa TOI’f akka ibsanitti, naannichatti dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane to’achuu fi ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Keessumaa tamsa’ina dhibee busaa to’achuuf kallattiin xiyyeeffannookaa’amee qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Keessummaa Godinaalee wallagga bahaa fi lixaatti, Horroo guduruu, Qeellam wallaggaa, Beddellee, Iluu Abbaa Booraa fi Godina Jimmaa dabalatee tamsa’inni bakkeewwan hedduuminaan keesstti mul’atutti hojiin ittisaa cimee itti fufa.

Bara baajatichaa baatiwwan afran rabsa keemikaalaa manaa manatti, bakka kuufama bishaanii yaasuu fi boolla duuchuun hirmaannaa hawaasaan hojjetamaa turuu dubbataniiru.

Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu fi itti fayyadama Agoboraarratti barnoota hubannaa hawaasaa guddisu kennamuu ibsuun, agobora siree miiliyoona 2 tuqaa 1 ol uummataaf rabsamuu dubbataniiru.

Akkasumas aanaawwan 15 tamsa’inni bookee busaa itti argame manaa manatti keemikaala biifuu haala addaan hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Walii gala hojiiwwan manaa manatti keemikaala biifuu olitti tola ooltotaa fi hawaasa hirmaachisuun bara kana bu’aan fooya’an argamuu dubbataniiru.

Tamsa’ina dhukkubichaa itti fufinsaan to’achuuf qooda fudhattoota waliin tumsi eegalame cimee kan ittifufu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015