Tamsaasa Kallatti:

Fooramiin Diinagdee olaanaa Itiyoo-Maleezhiyaa Magaalaa Finfinneetti jalqabame

Sadaasa 10/2018(TOI)- Fooramiin Diinagdee olaanaa Itiyoophiyaafi Maleezhiyaa Magaalaa Finfinnee, Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti adeemsifamuu jalqabeera.

Fooramii diinagdee olaanaa kanarratti Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee dabalatee qondaaltonni olaanoo mootummaafi abbootiin qabeenyaa argamaniiru.

Fooramii diinagdee olaanaa kanarratti waraqaawwan ka’umsaa carraawwan daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa calaqqisiisan dhiyaachaa jiru.

Ministirri Muummee dooktar Abiy Ahmad Ministira Muummee Maleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahiim Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamanii simannaa ho’aa taasisuun kan yaadatamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015