Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanichi taateewwan tokkummaa sabdaneessummaa fi walitti hidhaminsa caalaatti haala cimsaniin kabajama- mana Maricha

Sadaasa10/2018(TOI)– Guyyaan Ayyaana Saboota,sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Naannoo Giddugala Itiyoophiyaatti kabajamu tokkummaa sab-daneessummaa biyyoolessaa fi walitti hidhaminsa caalaatti haala cimsuun taateewwan adda addaan akka kabajamu Manni Maree Sabootaa Naanichaa beeksise.

Afayaa’ii Naannoo Giddugala Itiyoophiyaa Abuto Anito TOI’f akka ibsanitti, guyyaan Ayyaana Saboota, Sab-lammootaa fi uummattootaa tokkummaa sabdaneessummaa fi walitti hidhaminsa cimsuuf haala mijataa uumeera.


Sabni tokko aadaa, seenaa fi Afaan kanneen biroo akka baru muxannoo wal-jijiirraan akka dagaaguuf Ayyaanichi Kabajamuun qooda olaanaa akka qabu kaasaniiru.

Hirmaattonni ayyanichaa biyyoota adda addaarraa dhufan simannaa keessummaa aadaa uummata naannichaa akka keessummeessuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Ayyaanichi taateewwan adda addaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsaniin akka kabaju beeksisaniiru.

Afa-Yaa’iin Mana Maree Godina Hadiyaa Iteenash Mulgeetaa gamasaaniin, Godinichatti Magaalaa Hosaa’inaatti kan kabajamu guyyaan sabootaa sab-lammootaa fi uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan obbolummaa fi duudhaa cimsuuf qooda olaanaa akka gumaachu ibsaniiru.


 

Ayyaanichi duudhaa waloomaa itti fufinsaan cimsuurratti qooda qabu bu’uura godhachuun caasaawwan Godinichaa hundtti akka kabajamuuf Koreen dhaabbatee gara hojiitti galamuu eeraniiru.

Jiraattota Magaala Hosaa’inaa keessaa dargaggoo Tamasgeen Taammiree yaada kenneen, Ayyaanni Sabootaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa duudhaa waloomaa cimsuuf akka gargaaru dubbateera.


 

Keessummoota Ayyaanicha kabajuuf dhufan kabajaan simatanii keessummeessuuf qoodasaanii akka bahu ibseera.

Guyyaan Ayyaana Saboota, Sab-Lammootaa fi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan bara kana sadarkaa biyyoolessaatti Naannoo Gidduugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu ni beekama.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015