Tamsaasa Kallatti:

Pirojaktoonni misoomaa carraa guddina egeree Itiyoophiyaaf shoora olaanaa qabu

Sadaasa 10/2018(TOI)-Hoggantoonni paartilee siyaasaa walmorkattoonni turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisan akka jedhanitti, pirojektoonni misooma biyyoolessaa gurguddaan mootummaan labse abdii egeree Itiyoophiyaa fooyyessuu fi misooma hunda galeessa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Pirojektoonni misooma biyyoolessaa bal’aan Doolaara biiliyoona 30 muummichi ministiraa Dr. Abiy Ahimad Gubaa irratti ifoomsan, badhaadhina Itiyoophiyaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Pirojaktoonni muummichi ministiraa ifoomsan gurguddoon kunniin,xaa’oo biyyee, warshaa niwukilara gabbisuu, ijaarsa daandii qilleensaa guddicha Afrikaa, warshaa gaazii, warshaa boba’aa qulqulleessu, akkasumas ijaarsa manneen miliyoona tokkoo fi walakkaa ol ta’an ni argamu.

Itti aanaan dura taa’aa Paartii Dimokraatawaa Hibiir Itiyoophiyaa obbo Abarraa Baqqalaa, lammiileen Itiyoophiyaa deeggarsa eenyuunuu osoo hin barbaadiin,ofii  isaaniin pirojaktoota gurguddaa galmaan gahuu akka danda’an fakkeenya guddaan milkaa’uu Hidha Guddicha haaromsa Itiyoophiyaa ta’uu himaniiru. 

Pirojektoonni gurguddaan mootummaan hojjechaa jirus dandeettii Itiyoophiyaan kana gochuuf qabdu akka dabalu, akka paartiittis ni deeggarra jedhan.

Paartii Dimokiraatawaa Boorootti itti gaafatamaan kutaa hariiroo alaa fi idil-addunyaa dooktar Mabraatuu Alamuu akka jedhanitti, fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf pirojektoonni mootummaan eegale misooma hundagaleessa kan mirkaneessanidha.

Hogganaan olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Qajeelaa Mardaasaa gama isaaniin, piroojaktoonni misoomaa gurguddaa guutuu biyyattiitti hojjetamaa jiran uummanni fayyadamoo akka ta’an ibsuun hojiirra oolmaa isaaniis ni deeggarra jedhan.

Itti aanaan dura taa’aa paartii dimookiraatawaa Hibiir Itiyoophiyaa obbo Abarraa Baqqalaa akka jedhanitti, piroojektoota kunneen dhugoomsuun abdii egeree Itiyoophiyaa ni fooyyessa jedhan.

 Paartii Dimokiraatawaa Hibiir Itiyoophiyaatti itti Gaafatamaan Kutaa Hariiroo Dhimma Alaa fi Idil Addunyaa kan ta’an dooktar Mabraatuu Alamuu akka jedhanitti, piroojaktoota misoomaa mootummaan hoojechiisaa jiru milkaa’inoota isaaniif paartileen morkattootaa gahee isaanii akka ba’ataniif hojmaanni bu’uura seeraa diriiruu qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015