Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Haraariitti Ijaarsi Asfaaltii Ajiippiitii hanga Addabaabaayii Deeker Salaam jiru saffisaa jira

Sadaasa10/2018(TOI)–Nannoo Harariitti Baajata birrii miiliyoona 800 oliin Ijaarsi Asfaaltii Ajiippiitii hanga Addabaabaayii deeker Salaamitti ijaaramaa jiru saffisaa jiraachuu Biiroon Geejibaa fi Misooma Daandii naannichaa beeksise.

Itti gaafatamaan Biirichaa Obbo Ibsaa Mahaammad, ijaarsi daandii Asfaaltii Magaalaa Hararii Ajiippiitii hanga Addabaabaayii deeker Salaamitti daandii dheerina km.3 tuqaa 4 qabu ta’uu TOI’f ibsaniiru.


 

Daandiin Asfaaltii kun bal’ina meetira 30 kan qabuu fi kallattii lamaan konkolaataa kan dabarsu akkasumas daandii lafoo fi biskileettii kan of keessaa qabu ta’uu kaasaniiru.

Amman dura ijaarsi daandichaa harkifachaa kan ture yoo ta’u, tarkaanfii mootummaan naannichaa fudhateen kontiraaktaroota ammaan dura hojjechaa turan irraa fuudhuun kan biroon bakka buusuun ijaarichi saffisaa jirachuu ibsaniiru.

Haala saffisaa fi qulqullina bu’uura godhateen ijaarsi daandii hojjetama jiru guyyoota itti Aanaan 45nitti xumuruuf duulli taassifamaa jirachuu eeruun, daandichi yeroo xumuramu Miidhagina Magaalittii caalaatti akka dabalu dubbataniiiru.

Ijaarsa daandichaa saffisan xumuruuf halkan dabalataanii hojjechaa jiraachuu hojii gaggeessan Ikkooseef Injiinaringii Injiinar Mahaammad Muhee ibsaniiru.


 

Hanga ammaatti ijaarsichi dhibbantaa 32 xumuramuu ibsuuun, fuulduratti saffisa kana caaluun yeroo qabameefitti xumuruuf ni hojjetama jedhaniiru.


 

Hojjettoota hojii daandichaarratti hiirmaata keessaa Alaamirroo Inniyewuu fi Masfin Taaddasaa yaada kennaniin, ijaarsa daandichaa qulqullinaa fi yeroo qabameefitti xumuruuf halkanillee hojjecha jiraachuu dubbataniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015