Naannoo Oromiyaatti sirna walgargaarsa Buusaa Gonofaan lafti heektaara kuma 25 midhaan adda addaatiin misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti sirna walgargaarsa Buusaa Gonofaan lafti heektaara kuma 25 midhaan adda addaatiin misoomaa jira
Sadaasa 10/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti sirna walgargaarsa Buusaa Gonofaan lafti heektaara kuma 25 midhaan adda addaatiin misoomaa jiraachuu Buusaa Gonaofaan naannichaa ibse.
Buusaa Gonofaan sirna Gadaa keessaa tokko kan ta’e, gaafa balaan uumamaa fi namtolchee mudatu sirna walgargaarsaa fi tumsaa ummata Oromoo durii jalqabee hojiirra oolaa jiru ta’uu ibsameera.
Itti aanaan itti gaafatamaa Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa obbo Tafarii Bayyanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, Buusaa Gonofaan sirna deeggarsaa naannichi hoongee dabalatee rakkoolee hawaasummaa adda addaa ofumaan damdamachiisuuf hojiilee hedduu hojjechaa jira.
Ummanni Oromoo sirna ofiin of gargaaruu akkanaa qabaachuun rakkoolee mudachuu malan hambisuu ykn xinneessuuf gargaareera.
Akka fakkeenyaatti kan ibsan waggoottan muraasa darban, godina Booranaa fi Baaleetti hongee mudate sirna deeggarsa Buusaa Gonofaan gargaaramuun hawaasni naannichaas rakkoo hamaaf osoo hin saaxilamiin akka damdamatu taasisuu eeraniiru.
Sirni Buusaa Gonofaa itti fufinsa akka qabaatuuf naannoo Oromiyaa Godinoota adda addaa keessatti lafa heektaara kuma 43 misoomsuuf kan karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 25 midhaan gosa garagaraan misoomaa jiraachuu ibsaniiru.
Godina Arsii Lixaatti misoomni qonnaa adeemsifamaa jiru irraa callaan gaariin argamuu akka danda’u gamaaggama raawwii hojii daawwannaa lafa qonnaa naannichatti adeemsisaniin arguu himaniiru.
Dabalataanis sooratni barattootaa itti fufinsa akka qabaatu gochuuf, manneen barnootaa lafti qonnaa heektaara kuma 20 midhaan gosa adda addaan misoomaa jiraachuu eeruun, kana keessaa qofa callaa kuntaala kuma 600 argachuuf karoorfameera jedhan.
Buusaan Gonofaa yeroo ammaa kanatti miseensota miliyoona 28 kan qabu ta’uu kan hima obbo Tafariin, buusiin miseensota kanneen irraas walitti qabame birrii biliyoona 3 qaqqabuu himaniiru.
Obbo Amiin Galatoo, itti gafatamaa Buusaa Gonofaa damee godina Arsii Lixaa gama isaaniin, hojiileen sirna Buusaa Gonofaa godinichaa cimsan hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka fakkeenyaatti kan eeran, godinichaatti yeroo midhaan walitti qabamu, lafa Buusaa Gonofaaf qophaa’e irraa oomishni kuntaala kuma 2 fi 400 ol ni eegama jedhan.