Karaa vaayirasiin Marbargi itti darbuu fi tooftaa Ittisa isaa - ENA Afaan Oromoo
Karaa vaayirasiin Marbargi itti darbuu fi tooftaa Ittisa isaa
• Dhibeen vaayirasii Maarbargi maalidha?
• Dhibeen vaayirasii Maarbargi dhibee weeraraan mudachuu danda’uu fi dhibee dhiigni dhangala’uun mudatu ta’ee qamni baay’ee ho’udha.
• Namaa fi beeyladootaa biroorrattis mudachuu mala
• Mallattooleen dhibee vaayirasii Maarbargi maali?
• Afaan, funyaan ykn gogaa keessaa dhiigni dhangala’uu
• Ho’ina qaamaa olaanaa, qorrisiisuu fi mataa boowwuu
• Dhukkubbii maashaalee fi dugdaa
• Olguuruu, dhukkubbii garaa fi garaa kaasaa
• Laphee, dugdaa fi garaa irratti dhidhiitoo mul’atu
• Vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota 2 hanga 9 gidduutti mallattooleen dhibichaa mul’achuu eegalu
• Dhibeen Maarbargi karaa akkamiin daddarba?
• Namoota dhibee vaayirasichaan qabaman dhiiga, fincaan,imimmaanii fi dhangala’oo biroo wal tuttuqqaa kallattii taasisuun
• Nama dhibee kanaan qabamee ykn lubbuun darbe dhangala’oo qaamaan meeshaalee faalaman waliin tuttuqqaa qabaachuu
• Simbira halkanii dhibee vaayirasichaan qabamaniin daddarbuu danda’a
• Dhibee vaayirasii Maarbargi akkamiin ittisuun danda’ama?
• Mallattoolee dhibee kanaa yeroo argan mana yaalaa deemuu
• Nama dhibee sanaan qabame waliin tuttuqqaa fi ho’i qaamaa yoo jiraate dafanii mana yaalaa dhaquu
• Namni dhibee Maarbargiin yoo lubbuun darbe, reeffa sana ogeessa fayyaan awwaalchisuudha malee ofii tuttuquun barbaachisaa miti
• Nama dhibee sanaan qabame dhiigaa fi dhangala’oo isaa irraa of eeguu
• Nama dhukkuba Maarbargiin qabameef kunuunsa gaafa goonu, of eeggannoo barbaachisu gochuun barbaachisaadha. Haguuggii funyaaniifi afaanii ykn maaskii kaawwachuu, harka ofiitti immoo golga harkaa godhachuun barbaachisaadha.