Tamsaasa Kallatti:

Dhukkubni asmii waqtii fi haala qilleensaa osoo isa hin daangessiin namoota hedduuf rakkoo ta’e akkamitti yaalamuun danda’ama?

Hakiima kunuunsa hatattamaa fi dhukkubsattoota yeroo dheeraa  Dr. Fitsum Ashabbir sababoota, mallattoolee, of eeggannoo fi yaala dhukkuba asmii ibsaniiru.

Mallattooleen dhibee asmii maali?

•  Afuurri ciccituu, muddama lapheefi utaalloon mallattoolee kanneen keessaa ta’uu eeruun kunis kan mudatu halkan ykn ganama ta’uu himaniiru.

•  Dhibee asmiif kan nama saaxiluu fi dhibee kanas kan namatti cimsu maali?

•  Alarjii ykn infeekshinii qoonqoo

•  Haala qilleensaa qorraa

•  Dhiphina

•  Sanyiin darbuu mala; haati ykn abbaan dhibee kana qabaannaan carraan daa’imatti darbuu jiraaachuu eeraniiru Dr. Fitsum.

•  Namoonni dhibee asmii qaban of eeggannoo akkamii gochuu qabu?

•  Dhukkee, aara irraa fagaachuu

•  Wantoota alarjif nama saaxilan irraa fagaachuu

•  Talaallii infuleenzaa fi nimookookaalii yeroon fudhachuu

•  Iddoo qorraatti uffata qorra damdamatu uffachuu

•  Irriba gahaa rafuu

•  Ispoortii hojjechuu

•  Nyaata madaalwaa soorachuun akka dhibeen asmii hin babal’anneef gargaara jedhaniiru Dr. Fitsum.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015