Walitti bu’insa Sudaaniif deebiin Idil Addunyaa qindaa’e barbaachisa-Doktar Warqinaa Gabayyoo - ENA Afaan Oromoo
Walitti bu’insa Sudaaniif deebiin Idil Addunyaa qindaa’e barbaachisa-Doktar Warqinaa Gabayyoo
Sadaasa 10/2018(TOI)–Walitti bu’insi Sudaan furmaata waaraa akka argatuuf Hawaasni Idil-Addunyaa deebii qindaa’e akka kennuuf Barreessaan olaanaan IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo waamicha dhiheessan.
Foramiin jila addaa 2ffaa IGAD qopheesse Jibuutiitti gaggeeffameera.
Foramicharratti Barreessaa Olaanaan IGAD Dr.Warqinaa Gabayyoo, qooda fudhattoonni Ardii fi Idil-Addunyaa hirmaataniiru.
Foramichi rakkoo Sudaan jiru deebii qindaa’aa kennuun haala danda’amuratti kan xiyyeeffatedha.
Barreessaa Olaanaan Abbaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo haasaa baninsaa foramicharratti taassisaniin nageenyi Sudaan Sudaanotaan kan gaggeeffamu, tumsi riijinii kan itti mirkanaa’ee fi Addunyaan sagalee tokkoon kan deeggaru ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Walitti bu’insa Sudaan jiru dhaabsisuuf, lammiilee nagaa eeguu fi riijinii IGAD tasgabbaa’aa gochuuf qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Barreessaa olaanaan kun, IGAD Gamtaa Afriikaarraa fi Deeggartoota Idil-Addunyaa waliin ta’uun Sudaanitti walii galtee dhukaasa dhaabuurraa akka ga’u, daandiin deeggarsa namoomaa akka banamee qaqqabuu fi Cehumsi Aagoo haqa qabeessii akka jiraatu kutannoon hojjetama jedhaniiru.
IGAD Sudaanonni nageenyi fi tasgabbiin biyyasaanii akka mirkanaa’u akkasumas kabajnisaanii akka eeggamu hawwiin qaban akka milkaa’u deeggarsa barbaachisaa akka taasisu odeeffabnnoosan hubachiiseera.