Tamsaasa Kallatti:

Gulaallii zoonii Seekaafaatiin Itiyoophiyaan Sudaan Kibbaa 4 fi 1n injifatte

Sadaasa 09/2018(TOI)-Tapha gulaallii Waancaa Biyyoota Bahaa fi Giddugaleessaa Afrikaan Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Umurii 17 gadii gita isaa Sudaan Kibbaa galchii 4 fi 1’n injifate.

Wal morkii Istadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti adeemsifameen Daawiit Kaasahuun galchiiwwan sadanuu galchuun hattirikii hojjeteera.

Daawit Kaasahuun daqiiqaa 11ffaa, 16ffaa fi 53ffarratti galchiiwwan 3 Itiyoophiyaaf lakkoofsiseera.

Taphataa Inniyoo Silashiin galchii 1 Itiyoophiyaaf lakkoofsiseera.

Bu'aa kana hordofuun Itiyoophiyaan qabxii ishee gara 6tti guddifachuun dursa garee qabattee jirti.

Gareen kun tapha itti aanu Jimaata Sadaasa 12/2018 Somaaliyaa waliin ni taphata.

Sudaan Kibbaa qabxii tokkoon sadarkaa 5ffaa irra jirti.

Taphataan sarara fuulduraa Dawit Kasahuun dorgommii kana irratti lakkoofsi goolii galche gara afuriitti ol guddisee amma goolii galchuudhaan sadarkaa olaanaa qabateera.

Tapha biraa garee Tokkoffaan Somaaliyaan Keeniyaa waliin sa'aatii 10:00 irratti Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti taphatu.

Paanoom Juuwoon galchii tokko Sudaan Kibbaaf rukuttaa addabiin galcheera.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Umurii 17 gadii Sanbata darbe gita isaanii Ruwaandaa galchii 2 fi 0'n injifachuun kan yaadatamuudha.

Itiyoophiyaan ramaddii ‘A’ jalatti biyyoota akka; Soomaaliyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa Waliin ramadamte.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015