Hariiroon daldalaa fi Invastimantii Biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti guddachaa dhufeera - ENA Afaan Oromoo
Hariiroon daldalaa fi Invastimantii Biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti guddachaa dhufeera
Sadaasa 9/2018(TOI)–Hariiroon daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa fi sa’ud Arabiyaa gidduu jiru yeroo gara yerootti guddachaa dhufuusaa De’eetaan Ministira Daldalaa fi walitti hidhaminsa Riijinii Dr.Abdulhakiim Muluu ibsan.
Fooramiin Daldalaa fi Invastimentii Itiyoo-Sa’udii 2ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Wayita kana De’eetaan Ministira Daldalaa fi walitti hidhaminsa Riijinii Dr.Abdulhakiim Muluu hariiroon daldalaa fi invastimentii Itiyoophiyaa fi sa’ud Arabiyaa bara dheeraa kan ture ta’uu dubbataniiru.
Hariiroon daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti guddachaa dhufuu eeruun, keessumaa dureeyyiin Sa’ud Arabiyaa qabeenyasaanii dhangalaasuuf Itiyoophiyaan filannoosaanii jalqabaa ta’uushee ibsaniiru.
Fooya’insi Diinagdee Mandhaaleen guddina Invastimentiif sababa ta’uu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan Foon dabalatee omisha Qonnaa hedduu gara Sa’ud Arabiyaati kan ergitu yoo ta’u, faallaasaan boba’aa fi omishawwan biroo Sa’udiirraa akka galchitu dubbataniiiru.
Dureeyyiin Sa’udii Itiyoophiyaatti Albuuda dabalatee dameelee hedduun invast gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Itti Aanaan Komishinara Komishinii Invastimentii Itiyoophiyaa Dr. Deggatoo Kumbee gamasaaniin, riifoormiin biyyoolessaa Itiyoophiyaa yeroo kamiyyuu caalaa Invastimentiif mijattuu fi filatamtuu taassiseera jedhaniiru.
Yeroo Ammaa Dureeyyiin Biyyoota Hedduu Eeyyama Fudhatanii dameelee hedduun invasti gochaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Kunis guddina dinagdee biyyaa fi carraa hojii uumuuf qooda matasaa gumaachaa jiraachuu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaatti dubbi raawwachiisaan Imbaasii Sa’ud Arabiyaa Dr.Saahilii Almogibiil gamasaaniin, dureeyyiin Sa’ud Arabiyaa Invastii gochuuf Itiyoophiya filannoosaanii jalqabaa taasisaa dhufuusaanii dubbataniiru.
Immaammata Invastimentii fi Fooyya’insa diinagdee gooroo gaggeeffame dureeyyiif mijataa ta’uu eeraniiru.
Foramichaarratti qondaaltonni hojii olaanoon Itiyoophiyaa fi Sa’ud Arabiyaa fi dureeyyiin biyyoota lameenii hirmaataniiru.