Tamsaasa Kallatti:

Wallaggaa Lixaatti lafa jallisii qamadii boneen misoomaa jiru irraa oomisha fooyya’aa argachuuf koroorfameera

Sadaasa 09/2018(TOI)-Wallaggaa Lixaatti lafa jallisii qamadii boneen misoomaa jiru irraa oomisha fooyya’aa argachuuf koroorfamuu waajjirri qonnaa godinichaa ibseera.

Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma jallisii kan ta’an obbo Girmaa Jaalataa barana hojii fooyya’insa qabu hojjechuun, qamadii kilaastaraan oomishuuf gara hojiitti seenneerra jedhan.

Bara baajataa kanatti lafa heektaara kuma 196 jallisii bonaatiin misoomsuun qamadii kuntaala miiliyoona 7 argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Hanga ammaatti lafa qonnaa heektaarri kuma 75 sanyii qamadiin kan facaafame ta’uu eeruun, karoora qabame galmaan ga’uuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

 Qonnaan bultoota jallisii bonee irratti hirmaataniif deeggarsiifi hordoffiin taasifamaafii jiraachuu himuun, hanga ammaatti xaa’oon biyyee kuntaalli kuma 39 qonnaan bultootaaf raabsamuu himaniiru.

Walumaagalatti, qonnaan bultoonni kuma 91 misooma qonna jallisii bonee irratti hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru obbo Girmaa Jaalataan.

Qonnaan bultoota godina Wallaggaa Lixaatti misooma qamadii jallisii bonee irratti hirmaatan keessaa obbo Dagafuu Abarraa fi obbo Ayyalee Tarfaasaa lafa qonnaa isaanii irratti qonna jallisii boneen misoomsaa jiraachuu eeruun, deeggarsiifi dhiyeessiin galteewwan qonnaaf barbaachisan akkasumas gorsi gama ogeessota waajjira qonnaan isaaniif taasifamaa jirus gaarii ta’uu himaniiru.

Haaluma kanaan deeggarsi ogummaa isaaniif taasifamaa jiru oomishaafi oomishtummaa isaanii kan dabalu waan ta’eef gara fuula duraattis hojii qonna jallisii bonee kana kan itti fufan ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015