Itiyoophiyaan midhaan dheedhii fi midhaan zayitaa gabaa alaatti erguun addunyaa irratti adda duree ta’uuf cimtee hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan midhaan dheedhii fi midhaan zayitaa gabaa alaatti erguun addunyaa irratti adda duree ta’uuf cimtee hojjechaa jirti
Sadaasa 9/2018(TOI)- Itiyoophiyaan midhaan dheedhii fi zayitaa dhiyeessii gabaa Addunyaa irratti adda duree ta’uuf ciminaan hojjechaa akka jirtu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Doktar Kaasahuun Goofee ibsan.
Yaa’iin midhaan dheedhii fi z\yitaa Idil Addunyaa 14ffaan magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.
Waltajjii kanarratti Ministirri Muummee duraanii Haayilamaariyam Dassaalany, Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Doktar Kaasaahun Goofee, Pirezidaantii Waldaa Al-ergitoota midhaan dheedhii fi Zayitaa Ityoophiyaa Eda’o Abdii fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Doktar Kaasahuun Goofee waltajjirratti haasaa taasisaniin, Itiyoophiyaan midhaan dheedhii fi zayitaa oomishuun dandeettii fi gahumsa qabaachuu eeraniiru.
Dandeettii dorgommii gabaa alaa guddisuufis oomishaalee qulqullina qaban oomishuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Dhiyeenya kana kan hojiirra oole, naannoon daldala bilisaa Ardii Afrikaa dameelee kanarratti warreen bobba’aniif carraa gabaa haaraa uuma jedhan.
Akkasumas adeemsa miseensa waldaa gabaa addunyaa ta’uuf tattaaffiin jalqabame akka milkaa’uuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Ministirri Muummee duraanii fi Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisa Afrikaa obbo Hayilamaariyaam Dassaalany akka ibsanitti, Gamtaan Warraaqsa Magariisaa Afrikaa oomishtummaa midhaan dheedhiifi midhaan zayitaa Afrikaa keessatti guddisuuf hojii isaanii akka itti fufan ibsaniiru.
Wayita ammaatti midhaan dheedhiifi zayitaa Afrikaa keessatti diinagdee guddisuun cinatti jireenya hawaasaa fooyyessuun shoora olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnaan bultoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi mootummaan oomisha midhaan dheedhiifi zayitaa irratti bobba’anii akka jiranis dubbataniiru.