Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa mootummaan gaafate gaaffii sirrii fi fudhatama qabu waan ta’eef milkaa’ina isaaf garaagarumma tokko malee waliin ni hojjenna

Sadaasa 9/2018(TOI)-Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa mootummaan gaafate gaaffii sirrii fi fudhatama kan qabu waan ta’eef milkaa’ina isaaf garaagarumma tokko malee waliin ta’uun kan hojjetan ta’uu abbootiin amantaa ibsan.


 

Walitti qabaan olaanaa Dhaabbilee Amantaa kutaa magaalaa Yakkaa luba Abbaa H/Gabri’eel Katamaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniin, buufata galaanaa Itiyoophiyaan dhabuun yaadannoo yeroo dhiyoo ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaan buufata galaanaa ishee kan dhabde shira diinota seenaa Itiyoophiyaa guddina ishee akka sodaatti ilaalanii fi maal na dhibdee hoggantoota yeroo sanaan ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan akkaataan isheen ittiin ulaa galaanaa dhabde al-seerummaan kan guutame waan ta’eef mirga abbummaa ulaa galaanaa dhabne deeffachuun haqa qabeessummaa ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa shiraan dhabde dhugaadhaan ni deebi’a, yeroon dhugaa ammaa  jedhaniiru.

Gaaffii mirga abbummaa ulaa galaanaa mootumman gaafates gaaffii seeraa fi haqa qabeessa waan ta’eef garaagarummaa tokko malee waliin taanee milka’ina isaaf hojjechuu qabnaa dhaamaniiru.

Itti aanaan pirezidaantii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee Sheek Mohaammad Shariif akka jedhanitti, ulaa galaanaa shiraan nurraa fudhatame karaa nagaan ni deebifanna jedhaniiru.


 

 

Mootummaan gaaffii mirga abbumma ulaa galaanaa gaafachaa jiru sirrii fi yeroo isaa kan eeggate ta’uu eeruun, dhaloonni ammaas ulaa galaanaa kana deebifachuun imaanaa guddaatu irra jiraachuu himanii hunduu mootummaa cinaa dhaabbachuu akka qabu dhaamaniiru.

Nuti abbootiin amantaa ulaa galaanaa dhabne deebifachuuf mootummaa cinaa dhaabachuun shoora keenya ni bahanna jedhaniiru.


 

Abbaa Gadaa Walda Aab Gabra’ab gama isaaniin, Itiyoophiyaan waggoottan darban keessa jijjiirama diinagdee fi hawaasummaa hedduu akka galmeessifte eeruun, jijjiiramoonni kunniin kan dhufanis mootummaa fi ummanni waliin ta’uun waan hojjetaniif ta’uu eeraniiru.

Gaaffii mirga abbummaa ulaa galaanaa deebifachuuf tattaffii biyyi keenya taasisaa jirtu irrattis waliin taanee mootummaa cinaa dhaabachuu qabna dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015