Godina Horro Guduruu Wallaggaatti Dargaggonni Waldaan Gurmaa’anii hojii adda addaarratti boba’uun hojjechaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Horro Guduruu Wallaggaatti Dargaggonni Waldaan Gurmaa’anii hojii adda addaarratti boba’uun hojjechaa jiru
Sadaasa 9/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Dargaggonni Waldaan Gurmaa’anii hojii kanniisa horsiisuu fi misooma muuziirratti bobba’anii hojjechaa jiraachuu waajjirri carraa hojii uumuu godinichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu Godina Horroo Guduruu Wallagaa Obbo Amdihuun Nuuruu, godinichatti dargagoota hojii dhabeeyyii gurmii fi qacarriin kuma 96’f carraa hojii uumuuf karoorsanii hojii eegaluu ibsaniiru.
Karoora qabame keesaa hanga ammaatti dargaoota kuma 18 oliif carraan hojii adda addaa uumamee hojiitti galuusaanii dubbataniiru.
Dargaggoonni gurmaa’uun qonna, industirii fi tajaajilarrattii namoota kuma 18 oliif carraan hojii uumamuu dubbataniiru.
Godinichatti Aanaa suluula Fincaa’aa keessatti Dargaggoonni qonnarrratti hojii horsiisa kanniisaa fi misooma ruuziiratti bobba’uun hojjechaa jiraachu ibsaniiru.
Aanichatti dargaggoonni 72 ta’an waldaa ja’ aan gurmaa’anii misooma muuziiratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa jirachuu ibsaniiru.
Dargaggoota hoji misooma muuzirratti bobba’an carraa hojii kana argachuun haamlee isatti horuusaa ibsaniru.
Hojii dhabeeyyiif mootummaan haala mijjeesse hojiitti galchuutti gammaduusaanii ibsuun hojicha cimanii akka hojjetan dubbataniiru.