Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan kabaja ayyaana Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa tokkummaa sabootaa fi sablammootaa cimsuun dabalatatti diinagdees ni guddisa

Sadaasa 9/2018(TOI)- Guyyaan kabaja ayyaana Saboota, Sab-lammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa tokkummaa sabootaafi sablammootaa cimsuun dabalatatti carraawwan invastimantii babal’isuun, diinagdeen naannoo sanaas akka guddatuuf carraa kan banu ta’uu ibsame.

Guyyaan kabaja ayyaana saboota, sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa hawaasni biyyattii karaatti aadaa fi duudhaalee isaa waliif dhiyeessu, iddoo itti wal baranii fi muuxannoo wal jijjiiran, akkasumas tokkummaan, maalummaan sabotaa fi sablammootaa kan itti  calaqqisu ta’uu eerameera.

Guyyaan ayyaana saboota,sablammootaa fi ummatootaa bakka adda addaatti, guyya adda addaa kabajamuunsaa tokkummaa sabdaneessummaa fi biyya mootummaa cimaa qabdu ijaaruuf gaheen isaa olaanaa ta’uu himameera.

Daariktarri Olaanaa Giddugala Qorannoo Heera Mootummaa fi Federaalizimii Doktar Haylayasuus Taayyee Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan biyya aadaa, afaan, duudhaa, fi eenyummaa daneessa adda addaa qabdu ta’uu ibsaniiru.

Guyyaan kabaja ayyaana saboota,sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa, kabajamuunsaa hawaasa biyyattiif jaalalaa fi tokkummaa cimsuun dabalatatti bakkeewwan hawata turizimii namtolchees ta’e uumamaa beeksisuun, carrawwan invastimantii adda addaa kan beeksisu ta’uu eeraniiru.

Giddugalichatti leenjisaa olaanaa kan ta’an obbo Tasfaayee Magarsaa gama isaaniin, guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummatootaa faayidaa hawaasummaa fi diinagdee guddaa qaba jedhan.

Guyyichi yeroo saboonni,sablammoonnii fi ummattoonni aadaa, duudhaa fi muuxannoo isaanii itti wal jijjiiran, dandeettii diinagdee isaanii guddifatanii tokkummaa isaanii itti cimsan ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanni kun bu’uuraaleen misoomaa itti fufiinsa qaban aka ijaaraman taasisuun, lammiilee hedduudhaaf carraa hojii uumaniiru; walumaa galatti diinagdee biyya keessatti shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Guyyaan kabaja ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatootaa bara kana yeroo 20ffaaf naannoo Giddu-galeessa Itiyoophiyaan qophaa'e magaalaa Hosaa’inaatti mata duree "Waliigaltee Dimokiraatawaa Tokkummaa Biyyaalessaaf" jedhuun kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015