Itiyoophiyaan wabii nyaataa hundagaleessaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jirtu kan deeggaru Sagantaan Qonna Kilaastaraa boqonnaa 2ffaa ifoom - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan wabii nyaataa hundagaleessaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jirtu kan deeggaru Sagantaan Qonna Kilaastaraa boqonnaa 2ffaa ifoom
Sadaasa 09/2018(TOI)- Itiyoophiyaan wabii nyaataa hunda hammatee fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jirtu kan deeggaru Sagantaan Qonna Kilaastaraa boqonnaa 2ffaa ifoomeera.
Sagantaa kana irratti Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa, Daariktarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dooktar Maandafiroo Nugusee akkasumas qooda fudhattoonni damichaa, ambaasaaddaroonni, bakka bu’oonni dhaabbilee michuu fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Qonna eegumsa qabeenya qilleensaa giddu galeessa kan godhate irratti xiyyeeffachuun wabii nyaataa mirkaneessuun hojjetamaa jiraachuu Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa himaniiru.
Kunis Itiyoophiyaan qonna ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojii itti jirtu kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.
Sagantaan kun jireenya qonnaan bultoota miliyoonaan lakkaa’amu kan jijjiiru ta’uu eeruun, dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii kan uumu ta’uu hubachiisaniiru.
Milkaa’ina sagantichaaf dhaabbileen deeggartootaa fi dhaabbileen adda addaa deeggarsa barbaachisu akka kennanis dhaamaniiru.
Sagantaan kun oomishaalee qonnaa tarsiimoo sagal irratti kan xiyyeeffate ta’uu daariktarri Olaanaa inistiitiyuutii tiraansifoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Doktar Maandafiroo Nugusee ibasniiru.
Akkasumas qonnaan bultoota lafa xixiqqaaf deeggarsa maallaqaa ykn faayinaansii fi teeknooloojii dabaluun, oomishaa fi oomishtummaa isaanii guddisuun walitti hidhamiinsa gabaa akka uumu ibsaniiru.
Sagantaa Qonna kilaastaraa marsaa lammaffaan qonnaan bultoonni buna, midhaan dheedhii, mi’eessituu fi midhaan sanyii zayitaa irratti bobba’an oomishaa fi oomishtummaa guddisuu qofa osoo hin taane walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi qonnaan bultoonni sona akka itti dabalan isaan gargaara jedhaniiru.