Mootummaan ajandaawwan namarratti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoo addaa kennuun misooma hammataaf hojjechaa jira-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan ajandaawwan namarratti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoo addaa kennuun misooma hammataaf hojjechaa jira-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Sadaasa 9/2018(TOI)- Mootummaan ajandaawwan namarratti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoo addaa kennuun misooma hammataaf hojjechaa akka jiru itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasumaasaaniirratti dabarsaniin, jiddu galli qonnaa fi gabaa oomisha industirii akkasumas galmi biddeen itti tolfamu kan magaalaa Daseetti ilaalle rakkoolee ummata keenyaa furuuf tattaaffii taasifnu agarsiisa jedhaniiru.
Kaayyoon jiddu galeessota gabaa inni olaanaan oomishtootaa fi shamattoota walitti fiduun caancala gabaa wal xaxaa oomishtootaa fi shamattoota jidduu jiru gabaabsuun oomisha gatii madaalawaan dhiheessuun gabaa tasgabbeessuu ta’uu eeraniiru.
Oomishaalee Qonnaa, industirii, kuduraa fi muduraa fi gabaa galteewwan beelladaa jiddugalichatti akka gaggeeffamu ibsameera.
Imalli badhaadhinaa keenya mul’ata hawaasa hunda fayyadamoo gochuun misooma fulla’aa haqa hawaasummaa mirkaneessuun kan gaggeeffamudha jedhan ergaa dabarsanin.