Tamsaasa Kallatti:

Oromiyaatti sirni fayyaa weerara dandamatuu fi wal’aansa fayyaa fooyyessu ijaaramaa jira

Sadaasa 8/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti sirni fayyaa weerara dandamatuu fi wal’aansa fayyaa fooyyessu ijaaramaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Ayyaanni torban busaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti mataduree "Busaa dhabamsiisuun anarraa eegala" jedhuun kabajameera.

Jiraattotni Aanichaa qulqullina naannoo ofii eeggachuun bakka wal hormaata busaa balleessuu fi saaphana siree fayyadamuun hubaatii weerara dhibee busaan dhufaa ture hir'isuuu himan.

Bulchaan Aanaa Cawwaaqaa Obbo Soofiyaan Abdulhamiid, aanichatti weerara busaa bara 2017 mudateen miidhaa fayyaa hamaan hawaasarra akka hin geenyeef hojiin to'annoo qindoominaan hojjetamuu ibsan.

Baras weerarri kun akkaa hin kaaneef hojiiwwan dursanii ittisuu hojjetamaa jiruun miidhaa busaan fiduu malu gadi buusuun akka danda'ame eeran.

Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Buunnoo Beddellee Obbo Awwal Abdulqaadir godinichatti bara 2017 qorannoo dhibee busaa namoota kuma 600 oliif taasifameef keessaa namootni kuma 276 dhibee kanaan qabaman wal’aansa argachuu himan.

Bara kana tamsa'inni dhibee kanaa jiraatus bifa weeraraan akka hin mul’anne gochuun akka danda'ame ibsaniiru.

Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu, hawaasni busaa ittisuuf qulqullinaa naannoo fi fayyadama agoobaraa cimsuu akka qabu ibsuun dhiheessiiwwan wal’aansaaf oolan bal'inaan akka dhihaataniif  hojjetamaa  jiaachuu dubbataniiru.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Tasfaayee Kibaboo, Oromiyaatti sirni fayyaa weerara dandamatuu fi Wal’aansa fayyaa fooyyessu ijaaramaa jiraa jedhan.

Weerara busaa dhabamsiisuun hirmaanna qaama hundaatiin kan milkaa'u tahuu ibsuun, hawaasni tarkaanfii ittisa busaa irratti fudhataa jiru jabeessuun weeraraaf argama bookee busaa dhabamsiisuuf hojiin itti jiramu cimuu qaba jedhan.

Hoggansii fi ogeeyyiin fayyaa naannichaaf godinaalee akkasumas hoggansi godinaaf aanaalee godinichaa hojiiwwan buufata fayyaaf Hospitaala jalqabaa Cawwaaqaa keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015