Godina Baaleetti Qonnaan bultootaa fi waldaalee 112 gara invastimantiitti ce’aniif eeyyamni investimantii kenname - ENA Afaan Oromoo
Godina Baaleetti Qonnaan bultootaa fi waldaalee 112 gara invastimantiitti ce’aniif eeyyamni investimantii kenname
Sadaasa 08/2018(TOI)-Godina Baaleetti Qonnaan bultootaa fi waldaalee 112 gara invastimantiitti ce’aniif eeyyamni investimantii kennamuu Waajjirri Invastimantii fi Industirii godinichaa beeksise.
Qonnaan bultoonni gara invastimantiitti ce’anii fi beekamtiin kennameef jajjabina kennuun gara hojii olaanaatiif kan isaan kakaasu ta’uu dubbataniiru.
Hogganaa waajjira invastimantii fi induustirii godina Baalee obbo Mahaammad Ibroon qonnaan bultoonnii fi waldaaleen 112 gara invastimantiitti ce’an kaappitaala birrii miliyoona 422 ol warreen galmeessan ta’uu ibsaniiru.
Invastaroonni kunniin gara hojiitti gaafa galanis namoota kuma 5fi 600f carraa hojii yeroo fi dhaabbii kan uumame ta’uu himaniiru obbo Mahaammad.
Godinichatti qonnaan bultoonni qonna idileerraa gara qonna invastimantiitti guddachuun yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu himameera.
Qonnaan bultootaa fi waldaalee hawaasaaf akka isaan milka’aniif waajjirri invastimantii fi industirii deeggarsa barbaachisaa adda addaa, lafa dhiyeessuun galteewwan barbaachisoo ta’an guutuun deeggaraa jiraachuu eerameera.
Qonnaan bultoota hojii qonna qamadii fi oomisha midhaanii biroo irratti bobba’anii gara invastimantiitti ce’an keessaa obbo Koorsaa Asaffaa kaappitaala birrii miliyoona 9 galmeessuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa kanatti gara invastimantiitti ce’uu isaaniif akka onnachiiftuutti lafti heektaara 10 isaaniif kennamuu himaniiru.
Qonnaan bulaan gara invastimantiitti ce’an Hajii Ibraahim Kadiir qonna qamadiin dabalatatti qonna gabaa giddugaleessa tasifate, mi’eessituuwwan adda addaa oomishuun galii argataniin kaappitaala birrii miliyoona 10 galmeessisuun gara invastimantiitti ce’uu isaanii dubbataniiru.
Kana waliin walqabatee beekamtiinii fi onnachiiftuun lafa invastimantiif kennameefii gara fuula duraatti kanaan ol akka hojjetaniif isaan kakaasuu ibsaniiru.
Obbo Girmaa Katamaa gama isaaniin IMXn gurmaa’uun hojii daldalaa irratti bobb’uun milkaa’anii kaappitaala birrii miliyoona 2 galmeessuun gara invastimantiitti ce’uu dubbataniiru.
Godinichatti kan guyyaa har’aa gara invastimantiitti ce’ani osoo hin dabalatiin, qonnaan bultoonni 200 ta’an kaappitaala birrii biliyoona 1 tuqaa 3 galmeessisaniin gara invastimantiitti ce’uu himameera.