Tamsaasa Kallatti:

Qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa mirkaneessuuf  hammattoo seeraa  fooyyessuu fi hoj-maata diriirsuuf  hojjetamaa jira – Mana Maree Federeeshinii  


    Sadaasa 08/2018(TOI)– Qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa mirkaneessuuf  hammattoo seeraa  fooyyessuu fi hoj-maata diriirsuuf  hojjetamaa jiraachuu  Manni Maree Federeeshinii ibse. 
Manni marichaa walitti dhufeenya mootummoota giduutti   marii xiyyeeffate  hoggantoota  Federaalaa fi Naannoolee waliin  magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.
Waltajjii Mariichaarratti  Afayaa’ii  Mana Maree  Federeeshinii  Aganyoo Tashaagar  akka hubachiisaniiti, qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessi akka  dhugoomuuf  manni marichaa hammattoo seeraa adda addaa  fooyyessuu fi hojii hoj-maata diriirsuu   hojjechaa jira jedhan.  
Keessumaa Federaalaa fi Naannooleen Bulchiinsa fi qoodinsa  galii waloo , deeggarsa guutuu, fi seera baajataa   kaayyoo murtaa’aa qabanii   , labsiiwwanii fi  danbiiwwan, fooyyessuun  hoj-maatni diriiraa jiru jedhaniiru. 



 Fooyya’insa  hoj-maataa fi  seeraa taassifamaniin  guddina galii waloo  argarsiisaa ibsuun , kanaafis  qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa mirkaneessuuf  tattaaffiin taassifamaa jiraachuu  ibsaniiru. 
Kunis fayyadamummaa Dinagdee fi Hawaasummaa uummataa akka dhugoomu kan dandeessisu   hoj-maata furtuu ta’uu  dubbataniiru. 
Waggoottan shanan darban qoodinsa galii waloo, deeggarsa waliigalaa fi  baajata kaayyoo murtaa’aa qaban  irratti   fayyadama haqabeessa  akka ta’u  hojjetamaa turuu  yaadataniiru. 



Mana marichaatti  barreessaan  Koree dhaabbataa  baajata deeggarsaa  fi  galii waliinii   Obbo Haayiluu Ifaa  gamasaaniin  manni marichi  qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa  mirkaneessuuf  deeggarsaa fi hordoffii taassisaa jira jedhaniiru. 
  Deeggarsi Federaalaa fi Naannooleef kennamu   keessummaa qoodinsa galii waloo, kaayyoo murtaa’aa kan qabanii fi   deeggarsa baajatootni walii galaa   bu’aa qabeessaa fi  faayidaa hawaasummaa fi dinagdee  uummataaf  akka oolan mirkaneessuuf  xiyyeeffannoon kennamuu  dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015