Tamsaasa Kallatti:

Godina Gujiitti jallisii Qamadii Bonee kilaastaraan lafti heektaarri kuma 117 misoomaa jira

Sadaasa 08/2018(TOI)- Godina Gujiitti jallisii Qamadii Bonee kilaastaraan lafti heektaarri kuma 117 misoomaa jira aachuu waajjirri qonnaa godinichaa hime.

Misoomni jallisii Bonaa tooftaalee qonnaa adda addaa fayyadamuun oomisha fooyya’aa argachuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Dastaa Gabrayasuus.

Qonnaan bultoonni misooma jallisii bonee irratti hirmaatan ogeeyyii qonnaa irraa deeggarsii fi to’annoon tasifamaafii jiraachuu eeruun, galteen dhihaachuu fi qophiin lafa qonnaas taasifamuu eeraniiru obbo Dastaan.

Qonnaan bultoonni godichaas misooma qamadii jallisi bonee tiraaktaraan tooraan facaasaa jiraachuu himaniiru.

Lafa heektaara kuma 117 misoomaa jiru irraas omisha kuntaala miliyoona 4 argachuuf kan karoorfame ta’uu ibsaniiru.

Hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 72 fi 220 ol qamadiin bonee  jallisiin facaafamuun

ibsameera.

Misooma jallisii bonee kanaaf Xaa’oon biyyee fi sanyii qamadii filatamaa kuntaala kuma 60 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu isaa ibsuun, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota kuma 213 ol hojii misoomaa jallisii bonee kanaarratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru.

Aanaalee godinichaa hunda keessatti lafti misooma jallisiif qophaa’e kan baranaa kan bara darberraa heektaara kuma 17 fi 368 caalmaa akka qabu ibsaniiru.

Kanaafis bishaan lafa jalaa baasuun paampii mootoraatiin kan deeggaramuu fi hojjettoota buufata misoomaatiin hordoffiin taasifamaa akka jiru obbo Dastaan ibsaniiru.

Godina Gujiitti qonnaan bultoota misooma qamadii jallisii bonaa irratti hirmaatan keessaa, jiraataa aanaa Adoolaa magaalaa Qilxuu ganda Sorsaa kan ta’e dargaggeessi Taaddasaa Raggaasaa waggoota lamaan darban walitti aansuun misooma jallisii bonaan fayyadama ta’uusaa eeruun, nyaata qofaaf osoo hin taane gabaaf dhiyeessaa turuu ibseera.

Baranas ogeessota misooma qonnaa irraa deeggarsa argachuun bu’aa olaanaa galmeessisuuf qophiisaa xumuree hojiitti seenuu himeera.

Dargaggeessi jiraataa aanaafi ganda kanaa Misgaanaa Kaasaayee gama isaatiin, misooma jallisii irratti muuxannoo fi ogummaa waggaa sadii akka qabu dubbateera.

Galteewwan isaaniif dhiyaateenis qamadii jallisii bonee sararaan facaasuun wabii nyaataa keenya mirkaneeffanna jedhaniiru qonnaan bultoonni TOIf yaada isaanii kennan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015