Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee ni gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee ni gaggeeffama
Sadaasa 8/2018(TOI)-Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee akka gaggeeffamu boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa beeksise.
Galmeen kaadhimaamtoota dhuunfaa yeroo itti eegalu fuulduratti akka ifoomu eerameera.
Boordiin filannoo paartioilee siyaasaa filannoo walii galaaf dorgomaniif waamicha taasiseen kaadhimamtootasaanii siistama boordichi ibseen fayyadamuun akka galmeessisan waamicha dhiheessaniiru.
Odeeffannoo barbaachisoo Galmicha raawwachuuf dandeessisan guutuun yeroo Sadaasa 8 hanga 23 bara 2018tti jiru gidduutti Waajjira Muummee Boordichaa fi ammaan dura paartichi bakka bu’aa/buutuu beeksisetii qaamaan dhihaachuun sanada akka dhiheessan hubachiiseera.
Paartiileen siyaasaa unkawwan toora marsariitii https://nebe.org.et/en/node/725 argachuu akka danda’an eeraniiru.
Paartiileen siyaasaa filannoo biyyoolessaa 6ffaarratti dorgoman mallattoowwan dorgommiif fayyadaman filannoo walii galaa 7ffaaf fayyadamuuf mirga dursaa akka qaban boordichi ibseera.
Paartiileen siyaasaa ulaagaa seerasaa hordofee mallattoo dorgommii mataasaanii dhiheessuu akka dandaa’anii fi filannoo biroon boordichatti qaamaan dhihaachuun mallattoo dorgommii boordichi tarreesse dhiheessu keessaa filachuu akka danda’an hubachiisaniiru.
Galmeen kaadhimamtoota dhunfaa appilikeeshinii boordichi dhihesseen akka raawwatuu fi yeroo eegalu ilaalchisuun boordichi gara fuuldutraatti akka ifoomsu beeksiseera.