Tamsaasa Kallatti:

Xaaliyaaniin Hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaatti qabdu guddisuuf  hojjechaa jirti

Sadaasa 8/2018(TOI)–Xaaliyaaniin misooma Manneenii dabalatee hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaatti qabdu guddisuuf  hojjechaa jiraachuu Itiyoophiyaatti  Komishinarri Daldalaa Imbaasii  Xaaliyaanii Kilaawudiyoo Paskuwaluchi Ibsan.

Komishinar Kilaawudiyoo Paskuwaluchi Xaaliyaanii fi Itiyoophiyaan hariiroo gam-lamee cimaa qabaatanis, tumsi daldalasaanii haala barbaadamuun akka hin guddanne TOI’f ibsaniiru.

Xaaliyaaniin omishawwan gara Itiyoophiyaatti ergitu akkasumas Bunaa fi Albuuda dabalatee  omishoota tarsiimo’aa Itiphiyaarraa galachitu guddisuuf  karoora qabachuushee  hubachiisaniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo daldalaa qaban dagaagsuuf hojii hojjetamaa jiruun daandii sirriirratti argamu jedhaniiru.

Itiyoophiyaan Xaaliyaanitti karoora Invastimantii guddaa  biyyota  dursa kan kennameefii keessaa tokko ta’uushee ibsaniiru komishineerichi. 

Xaaliyaan Misooma paarkiiwwan Industirii fi kaampaanota Xaaliyaanii, dhuunfaasaanii fi  carraawwan shaarikaan hojjechuu  danda’an  uumuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Ijaarsa Manaa Hawaasarratti xiyyeeffate dabalatee inisheetivoota biroorratti marii taassisuusaanii ibsuun, shaarikni Invastimantiin hojjechuuf karoora jiru kan agarsiisu ta’uu  ibsaniiru.

Hariiroon daldalaa biyyoota lamaanii guddisuuf carraawwan dandeessisan fuuldura keenya jiru kan jedhan komishineerichi,  dandeettii gara bu’aa argamutti jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu  hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015